Miidhaa Dubartootaa: Dubartiin Chaayinaa tamsaasa kallattiirra osoo jirtuu ibiddaan gubattee duute

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin miidiyaa hawaasummaa irratti beekamtuu taateefi dhiibbaa cimaa uumuun beekamtu, osoo hordoftoota ishee dinqisiifataniif tamsaasa kallattii gaggeessuuf qophaa'aa jirtuu ibiddaan gubbattee du'uun dhagahame.
Kunis kan ta'e, osoo isheen tamsaasa kallattii taasisuuf qophaa'aa jirtuu abbaan warraa ishee boba'aa itti facaasuu ibiddaan gubeetii lubbuun ishee darbuu miidiyaaleen biyya Chaayinaa kan gabaasan.
Dubartiin lammii Chaayinaa maqaashe Laamuu jedhamuun beekamtu kun miidiyaa hawaasummaa TikTok bakka bu'uun hojjetu Diiyiin irratti hordoftoota kuma dhibba hedduu akka qabdu ibsameera.
Sabaa himaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti miidhaan Laamuu irra gahe qaamni ishee harka dhibba keessaa 90 ta'u ibiddaan gubateera.
Balaan Laamuu irra gahe kun biyya Chaayinaatti miidhaa dubartootarra gahu ijoo dubbii akka ta'u godheera.
Laamuun dubartiin umuriin ishee ganna 30 ta'e yoo taatu, kutaa bulchiinsa Chaayinaa Siichuwaan irraati.
Viidiyoo hojjettu irrattis jireenya gammachuu baadiyyaa agarsiisan gagadhiisuun kan beekamtu yoo ta'u, viidiyoo irrattis wantota ittiin of mimmiidhagsan [meekaappii] fayyadamuu dhiisuu isheetiin qalbii namoota hedduu hawwachuu dandeesseetti.
Bulchaan poolisii kutaa Jiinchiwaan akka jedhetti, miidhaa Fulbaana 14 qaqqabe kanaan hospitaala dhiyeenyatti argamutti hordoffiin taasifamaaf kan ture yoo ta'u wallaansa foyyaa'aaf gara Hospitaala Siinchuwaanitti dabarfamtee turte.
Odeeffannoo gaazexaan tokko baaseen ammoo maatiin Laamuu deegartoonni ishee maallaqa walaansaaf gargaaru akka gumaachaniif gaafannaan sa'aatii 24 keessati qofa Yuwaan miliyoona tokko walitti qabameera.
Haata'u malee, lubbuu Laamuu oolchuu hin dandeenye.
Poolisiin ammoo namni Taang jedhamu miidhaa sana guyyuma raawwate to'annoo jala akka oolfame ibsuun, dhimmichi yeroo ammaa qoratamaa jira jedheera.
Lammileen Chaayinaa hedduu du'a Laamuutti dheekkaman karaa miidiyaa hawaasummaa dheekkamsa isaanii dhageessisaa kan jiran yoo ta'u, namoonni miliyoona 70 ta'an maqaa Laamuu dhahuudhaan ergaa isaanii dabarfataniiru.
Dubartiin miidiyaa hawaasummaa fayyadamtu tokko, "Poolisoota dubartoota ta'an nu barbaachisa, dubartoota ogeeyyiii seeraa ta'an nu barbaachisa.
Dubartoonni hedduun gara siyaasaa dhufuu qabu, nuti dubatoonni sagaleen keenya dhaga'amuu qaba; humna qabaachuu qabna," jechuudhaan ergaa jabduu dabarsiteetti.















