Naajeriyaatti bulchaa naannoo tokkoo ajjeessuuf boombiin harreerratti kiyyeeffamuun dhaga'ame

Madda suuraa, Getty Images
Naajeeriyaatti hidhattoonni garee IS waliin hidhata qabu jedhaman, bulchaa naannoo ajjeessuuf boombii harree irratti tolchanii turan jedhame.
Haleellaan Dilbata darbe raawwatamuuf ture kun erga haleellaa biraa guyyoota lamma dura naannawaa Haroo Chaadiitti irratti agaa'ameen booda garuu jalaa miliqeen kan umameedha jedhameera.
Walitti dhukaasa taasifameenis yoo xinnaate namoonni 18 ajjeefamaniiru.
Namoota ajjeefaman keessaa 14 miseensoota poolisiifi raayyaa ittisaa yoo ta'an afur ammoo siviloota jedhameera.
Kaaba Baha Neejeeriyaa kan taate Boronootti bulchaa kan ta'an Baabagaanaa Zuulam yeroo magaalaa Baagaa irraa gara maagaalaa gudiittii Maayiduguriitti deebii'aa turaniitti hidhattoonni riphanii isaan eegataa turan.
Yeroo sanatti ammoo bulchaan kun jiraattoota bara 2014tti haleellaa jalaa bahan kan dhiibbaan lakkaa'aman waliin naga eegdootaan dabalaamuun gara magaalattiitti deebi'aa turan.
Humnootiin nageenyaa osoo deebi'aa jiranii harree boombiin itti hidhame wayita argan itti dhokaasan. Wayita kanattis riphee loltoonni bosona keessa dhokatan keessaa bahuun konkolaataa bulchaan kun keessa turan irratti dhukaasa banan jechuun namni ijaan arge BBCtti himeera.
Hidhatoonni hedduun kan ajjeefaman yoo ta'u, bulchaafi namoonni konkolaataa keessa turan kan biraa irraa miidhaan qaqabe hin turre.
Torban darbe keessaa bulchaan kun haasaa taasisaniin, namoota buqa'aniif deegarsa maallaqaafi nyaataa taasiuun kan baasu waan hin taaneefuu, akka qe'eesaaniitti deebii'uun jireenya 'kabajamaa' jiraatan gargaaruu qabna jechuu AFP gabaasee ture.
Haata'u malee, dhaabbileen gargaarsaa ammoo buqqaatoota gara qe'eetti deebiisuun nageenya isaaniif balaa qabaata jechuun sodaasaanii ibsaa jiru.
Haleellaa kan duubas gareen IS jiraachuutu himama.
Gareen kunis waggoota 10n dura kaasee Kaaba baha Naayijeeriyaatti kan hundaa'e garee Boko Haaraamirraa kan foxoqeedha.
Gareen kunis biyyoota hollaa keessattis du'a namoota kuma 30 oliitiifi kanneen miliyoona lamaa ol ta'an ammoo qabeenya isaanii dhiisuun akka baqataniif sababa ta'eera jedha ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtooman irraa argamu.















