Barsiistuun barattootaaf summii kennite du’aan adabamte

Miidiyaan Chaayinaa akka gabaasetti barsiistuun barattoota olmaa daa'immanii(Nursery) barsiistu kun daa’imman 25’f summii laatteef keessaa daa’ima tokko ajjeeste.
Barsiistuun Wang Yun jedhamtu kun, bara darbe wayita barattoonni oolmaa daa'immanii (KG) magaalaa Jiaozuo keessa jiru keessatti baratan, erga cireesaanii nyaatanii booda dhibamanii hospitaala seenuu eegalan.
Isheenis battaluma sana seeraan to’atamte.
Manni Murtii akka jedhutti barsiistuun kun erga qabxiin barattootaa beeksifamee booda waan aarteef nyaata barattoota waahila ishee keemikaala soodiyam naayitreet keessa buustee summeessite.
Manni Murtii gocha kanaan ‘’gocha hammeenyaa fi qaaniiti’’ ittiin jedhe.
Taateen Bitootessa bara darbee gaafa 27 raawwate kun lammiilee Chaayinaa akkaan rifachiise, mata duree oduu addunyaas ta’ee ture.
Akka gabaasa barruu ‘Global Times’ jedhamuutti Manni Murtii magaalaa Jiaozuo kaleessa, Wiixata 28,2020 ture kan barsiistuu Wang Yun irratti murtee du’aa dabarse.
‘’Akkaataa qabiinsa barattootaa irratti barsiistuu waahila ishee waliin dhibdee keessa galan. Isa booda nyaata barattoota waahilashee summeessite. Keemikaala soodiyam naayitreet jedhamu keessa buuste.’’ Jedhe manni murtii.
Keemikaalli soodiyam naayitreet jedhamu kun nyaata tursiisuu fi foon osoo hin alaayin yeroo dheeraaf akka turuuf itti dabalama, garuu yoo baay’ate balaa hamaa uuma.
Barsiistuun kun yakka kana wayita raawwattu kun gochashee isa jalqabaa miti kan jedhe manni murtii kanaan duras abbaa manaashee keemikaala kanaan summeessitee beekti jedhe.
Gochi kun gocha hammeenyaa waan ta’eef barsiistuun kun adabbii cimaan ishee mudachuun sirruma jedhe manni murtii.












