Ajaajaan poolisii magaalaa Buraayyuu sababa ajaja mana murtii hojiirra hin oolchineef to'atamanii akka dhiyaatan ajajame

Miishaa Cirrii

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa

Mishaa Cirrii mirgi wabii akka eegamu ajaja manni murtii dabarse hojiirra waan hin oolleef ajajaan Poolisii magaalaa Buraayyuu Poolisiin too'atamanii akka dhihaatan manni murtii ajaje.

Lammummaa Ameerikaa kan qabu Mishaa Cirrii meeshaalee teeknolojii heeyyama telekoomiin alatti diriirsuufi hojiirra oolchuudhaan kan himatame.

Abukaatoo isaanii Obbo Kadir Bulloo BBC'tti akka himanitti, guyyoota 15 dura manni murtii olaanaa federaalaa mormii abbaan alangaa fi abukaatonni dhiheessan erga dhagaheen booda Mishaa Cirrii wabii birrii kuma 20 tin akka lakkifamu ajajee ture.

Haa ta'u malee poolisiin ajaja manni murtii kenne kana hojiirra oolchuu dhabuudhaan osoo gadi hin lakkifamne hafe.

Manni murtii federaalaa dhadhacha Lidataa olmaa har'aatiin dhimma Mishaa Cirrii irratti poolisiin Federaalaa fi Poolisiin Oromiyaa maaliif ajaja mana murtii hojiirra akka hin oolchine gaafateera jedhan.

Poolisii federaalaa bakka bu'uun dhadhacha irratti kan hirmaatan himatamaan kuni akka hin gadhiisne abbaa alangaa irraa ajajni waan nutti kennameef osoo hin gadhiisin hafne jechuun dubbatanii jedhan.

Poolisiin Oromiyaa garuu dhadhacha har'aa irratti waamichi taasifamuufis osoo hin hirmaatin hafuus eeran Oboo Kadiir.

Abbaan seeraas ajaja manni murtii kenne hojiirra oolchuu dhabuudhaafi waamicha taasifame irraa hafuu isaanitiif ajajaan poolisii Magaalaa Buraayyuu beellama itti aanuratti poolisiidhaan to'atamanii akka dhihaatan ajajuu himan.

Manni murtichaa dhimmicha ilaaluuf Fuulbaana 13tti beellama kan qabe yoo ta'u, dhadhacha har'aa irrattis bakka bu'oonni Imbaasii Ameerikaa argamuu Obbo kadir Bulloo BBC'tti himaniiru.