Jawaar Mohaammad fi kaan mana hidhaa lafa jalaatti hidhamuu abukaatoon mirkaneesse

Obbo Jawaar Mahaammadii fi eegdotni isaa duraanii to'annoo jala jiran har'a sa'aa booda mana murtii federaalaa sadarkaa jalqabaa damee Lidataatti dhiyaatu jedhan Abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa
Abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa akka jedhanitti Jawaar Mahaammadii fi eegdotni isaa har'a galmee garaagaraa jalatti mana murtii Sadarkaa tokkoffaa federaalaa damee Lidataatti akka dhiyaatan himaniiru.
Kibxata darbe deemee Jawaar fa'aa dubbiseera kan jedhan Obbo Tuuliin Jawaar fa'a 'mana hidhaa iddoo lafa jalaa [basement]' keessatti hidhamanii akka jiran natti himan jedhan.
Ifa uumamaa gahaas akka hin argannee fi ifa xiqqaatu foddaa baay'ee xiqqoo irraan gala jedhanii natti himan jechuun BBCtti himan.
Dukkana keessatti hidhamaniiru jedhamuun kan odeeffamuuf Obbo Tuuliin ''ibsaan elektirikaa ni jira. Ifa uumamaa gahaadha kan guyyaa argachaa hin jirre'' jedhan.
Maatiin yeroo nyaata geessaniifiif Jawaar Mahaammad maatii isaa eenyu akka tahan adda baafachuu akka hin dandeenye maatii irraa dhagaheera jedhan.
Maaliif maatii kee nyaata siif fidan argitee adda baafachuu dadhabde? jedhee Jawaar gaafadheera kan jedhan Obbo Tuuliin, 'maatiin anarra fagoo dhaabataniiti kan turan.
Sagalee keenya ol kaasnee iyyineeti kan walitti dubbannu. Isa irratti ammoo 'yeroon mana hidhichaa keessaa gara ifa aduutti bahu ijikoo sirriitti naa hubachuu hin dandeenye jedhee natti hime' jedhan.
Obbo Jawaar Mahaammadii fi Obbo Baqqalaa Garbaa kutaa tokko keessatti hidhamanii jiru kan jedhan Obbo Tuuliin Obbo Hamzaa Booranaa fi Shamsadiin Xahaa kutaa biroo keessatti waliin hidhamaniiru jedhan.
Jawaar Mahaammad namoota biroo 35 ol tahan waliin sirna gaggeessaa reeffa Haacaaluu irratti humnaan gara magaalaa Finfinneetti fedha maatii malee deebisan jedhamuun ture to'annoo jala kan oolan.
'Shamsaddin Xahaa reebamuun tajaajila yaalaa hin arganne'
Obbo Shamsaddiin Xahaa 'akka malee reebameera' jedhee nutti himeera jedhan abukaatoonsaa Obbo Tuulii Baayisaa.
Shamsaddin Xahaa Jawar Mahaammad fa'a to'annoo jala oolanii guyyaa tokko booda ture mana hiriyasaa Boolee Mikaa'el jiru keessaa kan qabame jedhan abukaatoon isaa Obbo Tuuliin.
Obbo Tuuliin waan Shamsadin dubbisuu deemnee nutti himeera jedhan akkas jechuun BBCtti himan.
"Yeroo jalqaba na qaban dookimantiin si harka jira fidi jedhanii nagumaan na gaafachaa turan. Guyyaa sa'a shan yeroo tahu ulee pilaastikii poolisii sanaan na reeban."
"Bakki na tursiisan mana ijaarsa irra jiru tokko ture. Sibiila mumuramee achi jirun na reebaa turanii booda gara buufata poolisii magaalaa Finfinnee 3ffaa jedhamuu na geessan'' jedhee nutti hime jedhan Obbo Tuuliin.
Akka yaalamuuf irra dedeebiin gaaffii dhiyeessus isa diduu natti hime jedhan.
''Guyyaa jalqabaa mana yaalaa na geessanii dabareen koo geenyaan poolisiin na fuudhee deeme, booda yaalamta jedhee boodatti na deebise."
"Yeroo namoonni kaan yaalamanii xumuran ati yaalamuu hin qabdu jedhee na fuudhee kutaakotti na deebise'' jedhee natti himate jedhan Obbo Tuuliin.
Komishiniin mirga namoomaa dhaqee yeroo dubbisu waan irra gahe itti himannaan akka yaalamuu qabu bulchiinsa mana sirressaatti himee deemuu natti himeeras jedhan.
Haa tahu malee amma kilinika mana hidhichaa keessa jiru na geessanii hakiimni qoricha naa ajajee jennaan ammas poolisiin na geesse sun waraqaa qorichi ittiin naaf ajajame na harkaa fuudhee kukkute jedhee natti himeera jechuun Obbo Tuulii Baay'isaa BBCtti himan.
Uffata isaa ofirraa baasee madaa qaama isaarra jiru nutti agarsiiseera kan jedhan Obbo Tuuliin madaan laphee isaarra, gara cinaachaa fi miila isaarra jiraachuu argineerra jedhan.
Obbo Hamzaa Booranaas galmee gara biraa jalatti har'a mana murtiitti dhiyaatu jedhan abuukaatoon kun.
Mana hidhaa lafa jalaatti hidhamuu Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa akkasumas reebamee wal'aansa dhabuu Shamsaddiin Xahaa ilaalchisee poolisii fi Abbaan Alangaa amma dura yaada hin kennine.
Fayyaa eegdota duraanii Jawaar Mahaammad
Eegdotni Jawaar Mahaammad buufata poolisii magaalaa Finfinnee 3ffaatti hidhamanii akka jiran Obbo Tuuliin himaniiru.
Isaan galmee Hamzaa Booranaa jalatti har'a mana murtiitti dhiyaatus jedhan. Mooraa hidhamanii jiran keessa namni koroonaavaayirasiin qabame jiraachuu hin oolu shakkii jedhu akka qaban akka itti himan Obbo Tuuliin himaniiru.
Hogganaa garee eegdota Jawaar argadhee dubbisera kan jedhan Obbo Tuuliin qorannoo koroonaavaayirasiif taasisanii bu'aa isaa akka eegaa jiran natti hime jedhu.
Ammaaf namni isaan keessaa vaayirasii kanaan qabamuun mirkanaa'e akka hin jirres himaniiru.
Hundi isaanii har'a sa'a booda jechuun Adoolessa 16 bara 2020 mana murtii federaalaa sadarkaa jalqabaa damee Lidataatti akka dhiyaatanis himaniiru.













