Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajaa'ib! Namtichi tisiisa ari'uutti manasaa walakkaa jigse
Biyya Faransaayiitti namtichi tisiisa (titiisa) ajjeesuuf osoo yaaluu manasaa walakkaa barbadeessuun dhagahame.
Maanguddoon umuriisaanii waggaa 80n jiran kun, irbaatasaanii osoo nyaachuuf jiranii, tisiisni takka isaanirra deddeebitee jequun baayyee isaan aarse.
Jaarsi kunis waan akka kaballaa elektirikaa ittiin ilbiisa ajjeesuuf hojjatameen haleeluu eegalan.
Haa ta'u malee akka tasaa ta'ee gaaziin nyaata ittin bilcheessan, mana isaanii keessatti yaa'uun qilleensa keessa guutee ture.
Kaballaan elektirikaa tisisattii hari'aniifi gaaziin qilleensa keessa guutee ture walitti dhufuun, dhoo'insa uume.
Sababii kanaanis mana keessaa kutaan lafa nyaata itti bilcheessaniifi baaxiin manasaa, kan ollaa Paarcoul-Chenaudti argamu barbadaa'e.
Akka midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniitti, namni maqaansaanii hin eeramiin kuni carroomanitu lubbuun bahan. Haa ta'u malee harkasaanii irratti miidhaan gubachuun bicuu tahe mudachuu himameera.
Haa ta'u malee carraan tisiisa jiguu manichaaf madda taate maal akka ta'ee hinbaramne.
Maanguddoon hanga maatiin isaanii manasaanii suphanitti, iddoo biraatti qubatanii jiru.