Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obomboleettii maqaa Looraa jedhamuun moggaafame Luuziyanaatti nama jaha galaafate
Obomboleettii ykn Harikeeniin maqaa Looraa jedhamuun moggaafame Ameerikaa Kutaa biyyaa Luuziyanaa keessatti lubbuu namoota jahaa galaafate.
Obomboleettiin sa'aa tokkotti km 240 saffisaan gulufu kun, kutaa biyyaa kana keessatti balaa guddaa qaqqabsiisa jedhamee sodaatamee kan ture ta'us balaan qaqqabe hanga sodaatame miti.
Hanga sodaatameen gadi ta'us garuu balaawwan qaqqabsiiseera. Baattuuwwaan sarara ibsaa hedduu mancaasuun manneen walakkaa miiliyoonaa ta'an tajaajila ibsaa akka dhaban godheera, indastiriiwwan keessattis ibiddi keemikaalaa akka ka'u godheera.
Looraan amma sadarkaa Haarikeen jedhamurraas gara sadarkaa tiroopikaal istoorm jedhutti gadi bu'eera.
Gidduugalli Haarikeenii biyyaalessaa obomboleettiin kun saffisni isaa sa'aa tokkotti km 65'tti hir'iseera, haata'u malee ammallee bokkaa jabaa uumaa jira jedheera.
Bulchaan Luuziyaanaa Joon Beel Ediwaard balaa nurra gahuu danda'a jennee yaadneen hin miidhamne, garuummoo miidhamneerra jedhanii, ammas uummatni akka of eeggatu gaafatan.
Waayeen balaa kanaa kan itti himame Pireezidant Doonaald Tiraamp guyyoota dhumatorbee kana dhaqanii akka naannicha daawwatan himan.
Obomboleettiiwwan Loowraafi kan biroon Markoon jedhaman naannoo Kaaribiyaanitti lubbuu namoota 24 dabarsaniiru.
Luuziyaanaatti namoota du'an keessaa afur mukti itti jigeeti. Namni tokko ammoo dooniin ittiin yabalu yoo dhidhimtu kan biraan tokko ammoo mana isaa keessatti Kaarboon Daay Oksaayidiin jenereetara mana isaa keessaa isa suummessuun ta'uu aanga'oonni himaniiru.
Ameerikaa keessatti sababa obomboleettii rooba makatuun manneen jireenyaafi daldalaa 900,000 ta'an tajaajila ibsaa dhabaniiru.
Luuziyaanaa keessatti balaa qaqqabe hordofee loltoota Naashinaal Gaard jedhaman dabalatee namootni 1,500 ta'an lubbuu baraaruufi naannoo qulqulleessuuf bobbaafamaniiru.
Obomboleettii maqaan moggaasuun maaliif barbaachise?
Bubbeewwaan ciccimoon akka haarikeen, saayikloonii yookaan taayifuun kan yeroo dheeraaf turan yoo ta'u, moggaasni maqaa kennameefis qorattoonni saayinsii hordoffii akka irratti taasisaniifii dha.
Galmeeffachuudhaafis bara itti ka'an hordofu ture. Garuu, bakka tokko tokkotti baatiiwwan 12 keessatti obombolleettiiwwan 100 ta'an ka'uu danda'u. Waa'ee tokkoo tokkoo isaanii adda baasuun hordoffii taasisuuf maqaa qabaachuun haala salphisa.
Biiroon Metiworoloojii Ameerikaa akka jedhettis, obomboleettii gurguddaa maqaan waamu jechuun namoonni caalaa waa'ee isaanii fi hubaatiii qaqqabsiisuu danda'an irratti hubannoo ni argatu jechuu dha.
Moggaasa maqaa eenyuutu murteessa?
Walgahiiwwan idilee kan qorattooti haala qilleensaa addunyaa irratti hirmaatanii fi maqaawwan haarawaa kan waggoota dhufanii irratti murtaa'utu jira.
Maqaawwan obomboleettii balaa hamaa geessisanii gonkumaa irra deebiin itti hin fayyadamamu.
UK keessatti, Biiroon Metiworoloojii moggaasa maqaa akka eeraniif hawaasa gaafata.