Walitti bu'insa Wolaayitaatti uumameen lubbuun namootaa darbe

Madda suuraa, WOLAITA ZONE CITY ADMINISTRATION FACEBOOK PAGE
Godina Walaayitaatti Dilbata hoggantoonni ol’aanoo, xiinxaltoonni, akkasumas jaarsoliin biyyaa qaama godinicha sadarkaa naannotti hundeessuuf hundaa’e waliin osoo mariirra jiranii humna ittisaatiin to’annoo jala oolfamuunsaanii hordofee walitti bu'insa dhalateen lubbuun namootaa darbee kaan ammoo madaa'aniiru.
Namoonni to’annaa jala oolfaman 26 ta’uusaanii kan ibse komishiniin poolisii naannoo kibbaafi waajjirri bulchiinsaafi nageenya naannichaa, namoonni to'ataman kunneen gareewwan gara garaa waliin ta'uudhaan hojjatu jechuun himateera.
Namoonni to’annaa jala oolfaman ajaja koomand poostii cabsuun, akkasumas hiriira seeraan alaa taasisuun akka ta’e ibsameera.
Manni maree godina Walaayitaa wal gahii ariifachiisaa gaafa Waxabajjii 15 taasiseen Mootummaan Biyyaalessaa Naannoo Walaayitaa akka hundaa’uuf murteessee ture.
Waajjiraaleen seekteeriyaalii naannciha hundeessuuf gargaaran akka hundaa’aniifi hojiileen dursa hojjatamuu qaban akka hojjatamaniif yeroo sanitti murteen darbee ture.
Miseensonni boordii mana maree haala godinni itti ijaaramurratti hojjechuuf hundaa’e wixinee heeraa koree seeraan qophaa’erratti akka mariyatamuuf korri waamamuu miseensi koree hoji-raawwachiiftuu Sosochii Biyyaalessaa Walaayitaa kan ta'an Obbo Maatewoos Baalchaafi Dargaggeessi Walaayitaa (Yalegaa) Daani’eel Taaddesee BBC’tti himaniiru.
Boordichis namoota mootummaarraa, namoota hojii dhuunfaarratti hirmaatanirraa, dargaggeeyyiirraa, dhaabbilee daldalaarraa, mormitootarraa, jaarsolii biyyaarraa, akkasumas hayyootarraa akka ta’e beekameera.
Namoonnis guyyaa kaleessaa kan wal gahii taasisan wixinee heeraarratti mari’achuuf akka ture BBC’tti himaniiru.
“Walgahichi wixinee heeraarratti qofa qophaa’uu beekna,” jechuun kan dubbatan Obbo Maatiwos guyyaa sanatti bakka sana waan hin turreef dhimmi biraa ka’uusaa akka hin dhageenye dubbatu.
Miseensi hoji-raawwachiiftuu Sosochii Biyyaalessaa Walaayitaa kan ta’an Obbo Maatiwos, hoogganaan gurmaa’ina dhaabichaa kan ta’an Obbo Goobazee Abrahaam namoota to’annaa jala oolfaman keessaa tokko ta’uusaanii ibsaniiru.
Waldhabdee guyyaa kaleessaatiinis namni tokko du’uufi kan madaa’anis jiraachuusaanii himu.
Obbo Daani’eelis waldhabdee guyyaa kaleessaa hordofee magaalattii keessatti tasgabbiin akka hin jirre himuun guyyaa kaleessaa namni tokko du’uusaa mirkaneessuun har’ammoo “tasgabbii hin jiru," jechuun himu.
Maddeen hospitaalaas kaleessa namni tokko du'aa mirkaneessuun, rasaasaan rukkutamee ta'uu BBCtti himaniiiru.
Waldhabdee guyyaa kaleessaa mudateen namoonni meeqa akka miidhaman sirriitti beekamuu baatus haalli har’a jiru “akka asiin duraa miti” jechuun kan dubbatan Obbo Maatiwos, odeeffannoo dabalataa argachuu akka hin dandenye himu.
Jiraattonni BBCn dubbise gara magaalattii seenuufi bahuun akka hin danda’amne himaniiru. Bakka Arkaa jedhamutti hiriira taasisuuf yaalii godhanis akka hin milkoofne himaniiru.
Jiraataa magaalaa Sooddoofi miseensa paartii mormituu ta’uusaanii kan himan jiraataan kun magaalattii keessatti sochiin akka duraa akka hin jirre dubbataniiru.
Magaalattii keessatti sochiin raayyaa ittisa biyyaa akka mul’atu himaniiru.
Obbo Daani’eel walgahii kanaan dura ofiisaaniitiin irratti argaman MM Abiy Ahimad waliin taasisanirratti, “Gaaffichi kan kaadiree yoo hin taane, gaaffii heera mootummaati. Gaaffiisaanii heerarratti hundaa’uun deebii akka argatan naan godha,” jechuunsaanii ni yaadatama.
Jiraattonni magaalaa Sooddoo maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaanne dhukaasni darbee darbee magaalattii keessatti dhaga'amaa akka jiru dubbatu.
Walitti bu'insa kaleessa tureen namoonni moodhamanii wallaansaaf gara Hospitaala Kiristaanaa Sooddaatti geeffaman keessaa tokko wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifamuullee lubbuun ooluu akka hin dandeenye hojjetaan hospitaalichaa maqaan isaa akka hin eeramne fedhu tokko BBCf mirkaneesseera.
Namoonni shan miidhaan gara garaa irra gahe hospitaalichatti wallaansa argachaa jiraachuus ibsaniiru.
Hojjetaan fayyaa maqaan isaa akka hin dha'amne barbaadu kun namoota kaleessa wallaansaaf gara hospitaalaa dhufan malee namoonni lama Mana Barumsaa Ligaabaatti ajjeefamuusaanii nan beeka jedhan.
Guyyaa har'aas naannoo Maayiraam Safar jedhamutti ol-adeemaan tokko rasaasaan dhahamee akka du'e BBCtti himaniiru.
Komishinii Poolisii naanno Kibbaa waa'ee namoota hidhamaniifi miidhamanii yeroof hin qulqulleeffatiin akka jiran BBC’tti himaniiru.














