Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaamoleen sadii 'qindaa'uun' Oromiyaa keessatti hiriira mormii waamaa jiru jedhan obbo Addisuu Araggaa
Tibba kana Oromiyaa keessa hiriirri mootummaa mormu akka gaggeefamu waamicha dhiyaachaa jira jedhamurratti ibsa kan kennan Sadarkaa Pireezidantii Itti aanaatti qindeessaan dhimmoota Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa, ''yeroo kanatti hiriira mormii waamuun nama du'atti waamuu wajjiin qixxeedha'' jedhan.
Uummatni kanneen hiriira mormii waamaa jiru akka hin fudhanne dhaamanii, ''kanneen faallaa dantaa biyyaa dhaabatanirraa of eeguu qabaa'' jedhan.
Gareen hiriira mormii kana waamaa jiran uummata fayyadamanii fedha aangoo qabachuu isaanii milkeessuuf kanneen socho'aniidhas jedhaniiru.
Qaamota hiriira kana duuba jiruu ittiin jedhan sadii akka ta'aniis obbo Addisuu himaniiru.
Gareewwan sadeen keessaa tokko ''Masriin kan deeggaramuufi fayidaa Itoophiyaan hidha guddicharraa argattu dhabsiisuu warra barbaadanii'' jedhan.
Obbo Aaaddisuun garee lammaffaa ‘Wayyaanee’ jechuun kan ibsan yoo ta’u gareen kun “asiin dura uummata Itoophiyaa gidirsaa kan tureedha” jedhu.
Gareen “kun faayidaa barate waan dhabeef ‘mootummaa aangoorra jiru laaffisuuf gama adda addaatiin socho’aa akka jiru ibsu.
“Gareen sadaffaan immoo paartii siyaasaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’an filannoon achi siiquutti fayyadamuun aangoo karaa seeraan alaatiin qaamota argachuuf fedhii qabaniidha,” jedhaniiru.
Hawaasnis hariirri mormii kun qaamoleen sadan kunneen wal gahanii kan karoorfatan ta’uu beekee of eeggannoo akka taasisuuf waamicha dhiheessaniiru.
“Hawaasnii naannichaa gaffii bu’uraa yoo qabaate karaa sirriin haa dhiyeessu” kan jedhan Obbo Addisuun, kanaan achi dhimoota jiran irratti mootummaan seeraa kabachiisuuf ‘daandeettis, humnas’ qaba jedhaniiru.