Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbatni dhuunfaa ‘SpaceX’ yeroo jalqabaaf xiyyaar-samii hawaatti erguufi
Dhaabbanni IspeesEeks (SpaceX) jedhamu tajaajila rookkeettiiwwan furguggisuu, mootummaa fi dhaabota daldalaa biroof kan kennu dha. Kanaanis pilaaneta Maarsii koloneeffachuuf kaayyefateera.
'SpaceX' xiyyaar-samii Kiruu Diraagan jedhamtuun buufata jiddugala hawaa Kenedii kan Filooridaa jiru irraa dhala namaa gara hawaa erguuf jira.
Yoo kan milkaahu tahe, seenaa hubuuraa hawaa keessatti dhaabbata dhuunfaa astiroonootora gara hawaatti erge ta'uun boqonnaa haaraa akka galmeessisu eegama.
Galmi 'SpaceX' dhalli nama pilaaneetota kaan irra akka jiraatan yoo ta'u, kalaqawwan saayinsii fiilmii irratti mul'atan fiilmii qofa ta'anii akka hafan hin fedhu jedha abbaan qabeenyaa kaampanii kanaa.
Nama Eloon Maask jedhamutu bara 2002’tti baasii qaalii gara hawaa deemuuf taasifamu hir’isuuf kaayyeffachuun dhaabbata kana hundeesse.
Afrikaa Kibbaatti kan dhalate Eloon jalqaba daldala onlaayinii irraati doolaara miiliyoona 160 horate.
IspeecEks(SpaceX) rookkeettiiwwan otoo balali’ani lafa akka qubataniifi deebi’anii hojii irra akka oolan taasisuun dhaabbata dhuunfaa isa jalqabaati.
Dhaabbatichi kana dura rookeetiiwwan mi’a baatan irra deddeebiin gara hawaatti ergaa kan ture yoo tahu amma ogeessota hawaa gamasitti erguufi.
Dhaabbati kun xiyyaara guddaa namoota baachuu danda’u Istaarshiip jedhamullee oomishuutti jira. Kunimmoo Maarsii irra turuuf haal duree mijeessa jedhameera.
Erga xiyyaarri hawaa Ameerikaa bara 2011’tti hojii dhaabdeen asitti Dhaabbatni Hawaa Ameerikaa tajaajila hawaatti rokeettii furguggisuu kana argachuuf Raashiyaaf doolaara miiliyoonaan lakkaawwamu kaffalaa turte.
Xiyyaarri Kiruu Diraagan jedhamtu kun waggaa sagal keessatti yeroo jalqabaaf Ameerikaa irraa ilmaan namaa qabattee gara hawaa dhaqatti.
Kanaanis seenaa Ameerikaan gama kanaan qabdus ni deebisti jedhameera. Dhaabbatni dhuunfaa xiyyaara hawaatti erguunillee kan jalqabaati.
Kiiruu Diraagan astiroonotiiwwan dabalatee imaltoota torba qabattee Roobii hawaatti qajeelti.
Namooti gara hawaatti imaluuf jiran kunneen Bob Beehenken fi Daag Haarleey jedhamu.
Isaan bara 2000tti kan filataman yoo tahu kana dura ala lama gara hawaatti imalaniiru. Astiroonotota NASA muuxannoo qaban yoo tahan leenjii xiyyaara balalisuu illee fudhataniiru.
Iddoo kaayyefame yoo gahan yaaliiwwan garaagaraa hawaa waliin wal qabatan dalagu.
Yeroo gara lafaatti deebi’an xiyyaarri Kiiruu Diraagan jedhamtu kanarraa paaraashuutiidhaan garba Atlaantik irra erga qubatanii booda doonii Goo Naavigeetar jedhamuun gara lafaatti fudhatamu.
Yeroo xiyyaarri kun ol furguggifamtu rakkoon yoo uumameef jecha sirni namoonni achi keessa jiran paaraashuutiidhaan of baraaruu danda’an yaaliidhaan mirkanaa’era.
Namooti hawaatti balali’uuf jiran kunneen uffannaan isaan kewwatan kan kanaan duraarra adda dha. Taatota fiilmii saayinsii(science fiction) yoo fakkaatan kan ta’e nama hin dhibu.
Uffannaa kana kan qopheesse ogeessa uffata taatota Baatmaan, Toor fi Eksmeen nama qopheesse dha.
Haa tahu malee uffatichi yoo qilleensi xiyyaara keessaa bade akka isaan lubbuudhaan turan kan isaan gargaaru dha.
Ergamni gara hawaa taasifamu kun yoo milkaa’eef dhaabbatni dhuunfaa kun tajaajila wal fakkaataa NASAf doolaara biiliyoona 2.6fi Booyingii dhaaf doolaara biiliyoona 4.2n ni kenna.