Balaa xiyyaaraa Paakistaan keessa namni lubbuun oolan ‘Abidda qofatu natti mul’ata ture’ jedha

Madda suuraa, AFP
Muhaammad Zubayir namoota balaa xiyyaaraa Daandii Qilleensaa Paakistaan ‘Airbus A320’ irratti mudate irraa hafan lama keessaa tokko dha.
Namoonni 97 hanga yoonaatti lubbuu dhabuun anga’oota naannoo Siindihiin mirkanaa’eera.
Saababni balaa kanaa maal akka ta’e ammallee hin baramne.
Paayilatiin xiyyaarichaa erga al tokko qubachiisuuf yaalee milkaa’uu dhabee booda, rakkoon teekniikaa jiraachuu ibsee kan ture yoo ta’u, lafatti kufuuf yoo dhufu sagalee waamichaa ‘mayday’ dhageessisee akka ture gabaafame.
Biyyattiin imala sababa koroonaavaayirsiin adda cite ture jalqabsiisuun guyyaa muraasa booda balaa mudate ta’eera.
Muhaammad Zubayir akkamiin bahe?
Balaa kanarraa kano ole Zubayir xiyyaarichi al tokko qofa lafa qubachuuf yaalee daqiiqaa 10-15 gidduutti akka kufe dubbata.
‘‘ Xiyyaarichi haala gaariin balali’aa waan tureef kufuuf akka ture namni hubate hin turre’’ Jedhe.
Yeroo sanatti of wallaalee akka ture kan himu imalaan kun, ‘‘Yeroon of baretti sagalee namoota gurguddoofi daa’immanii iyyan qofatu natti dhaga’amaa ture, kanin argu ammoo, abidda qofa ture,’’ jedheera.
"Qabata teessumakootii of irraa hiikeen gara ifa natti mul’atutti deeme. Sana booda dheerina meetira sadii ta’u utaalee of baasuun qaba ture’’ Jechuun dubbata.
Xiyyaarri kun maaliif kufe?
Xiyyaarichi sarara qubannaarra qubachuun qofti wayita hafetti ture manneen moodeelaa naannichatti argaman urratti kan kufe. Lubbu baraartonni namoota bakka namni itti baay’atu kana biratti balaarra jiran baasuuf yoo carraaqan viidiyoon kan mul’isu yoo ta’u, konkolaataawwan muraasnis balaa kanaan gubachuun ni argama.
Sagalee dhoohinsaa guddaa akka dhaga’eefi manaa figaa akka ba’e kan himu ragaan ijaa Mohaammad uzayir jedhamu BBC’tti akka himetti, ‘‘Manneen afur guutummaatti kan barbadaa’an yoo ta’u, ollaa isaa akka ta’aaniifi waan hamaan akka mudate dubbatee jira.
Haasaan to’attoota tiraafiika qilleensarraa fi paayilaticha gidduu taasifame miidiyaa biyyattiin kn ba’e yoo ta’u, paayilatichi ‘‘mootarri badeera’’ yoo jedhu to’ataan sun ammo garaadhaan lafa buusuuf yaalii taasisuuf akka ta’e gaafachaa jiraachuutu dhaga’ama ture. Deebiin paayilatichaa "mayday, mayday, mayday" kan jedhu ture.
Daandiin Qilleensaa Paakistaan (PIA) xiyyaarichi 2014 kan bitameefi Sadaasa darbe qorannoo dandeettii balallii kan darbe ta’uu yoo himu, koreen sababa balaa kanaa qulqulleessu hundaa’ee jira.
Waa’ee namoota du’anii maal beekna?
Namoonni 97 lubbuu akka dhaban kan mirkanaae yoo ta’u, meeqa imaltoota meeqa ammoo jiraattota lafarra turan akka ta’e adda hin baane. 19 garuu eenyummaan isanii adda baafamuutu gabaafama.
Namoota lubbuun hafan keessaa pirezidantiin Baankii Punjaab, Zaafaar Massuud jedhamu tokko ta’uun yoo himamu, kan biroos lubbuun hafanii jiru jedhamus wanti mirkanaa’e hin jiru.
Gaazexeessaan beekamaa TV channel 24 News jedhamuu, Ansaar Naaqvii fi anga’aan duraanii Punjaab Kaaliid Sherdiil jedhaman namoota imalarra turan keessa akka jiran beekameera.
MM Paakistaan Imraan Kihaan bala kanaan ‘‘naasuufi gaddi’’ itti dhaga’amuu ibsuun, qorannoon ariifataa akka geggeeffamu himaniiru.
Paakistaan balaa xiyyaaraa mudatuun seenaa badaa qabdi. Waggoota muraasa keessatti xiyyaaronni hedduun balaan mudachuun lubbuun namoota hedduu darbeera.













