Hojjettuun dhaabbata gargaarsaa Xaaliyaan bara 2018 Keeniyaatti butamte biyyasheetti deebite

Silviyaa Roomaanoo akkuma Room geesseen yeroo fuula ifaa agarsiifte

Madda suuraa, EPA

Hojjettuun lammii Xaaliyaan dhaabbata gargaarsaa keessa hojjettu kun Silviyaa Romaanoo jedhamti.

Umuriin shamarree kanaa ganna 25 yoo ta'u, bara 2018 keessa ture al-Shabaabiin Keeniyaarraa butamtee Somaaliyaa bakka itti geeffamte keessatti Sanbata darbe opereeshinii tajaajila tikaa Xaaliyaaniin taasifameen bilisa baate.

Hojjettuun dhaabbata gargaarsaa kun Sadaasa bara 2018 butamtee baatii 18f harka warra ishee butanii erga turteen booda, Sanbata akkuma bilisa baateen gara biyyshee Xaaliyaan geeffamteetti.

Akkuma magaalaa gudditti Xaaliyaan Room geesseenis Silviyaa Romaanoon, maatiiwwan ishee, obboleettiisheefi ministira muummee Xaaliyaan, akkasumas ministira dhimma alaatiin simatamteetti.

Akka gabaasaaleen jedhanitti shamarreen kun Sanbata darbe ture harka shakkamtoota garee warra leellistoota Islaamaa al-Shabaab keessaa qarqara magaalaa guddittii Somaaliyaa, Moqaadishootti kan bilisa baate.

Akka isheen nagaan bilisa baatu gochuu keessatti tajaajilli tikaa Xaaliyaan humnootii nageenyaa Tarkiifi Somaaliyaatiin deggeramaa ture.

Shamarree butamtee ji'a 18f turte kanaaf garuu qaamni ifatti itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Amajji bara 2019, al-Shababaa kan Somaaliyaa keessa maannefatee jiru haleellaa hoteelaafi waajira magaalaa Keeniyaa, Naayiroobii keessatti gaggeeffamee lubbuu namoota 21 galaafatee duuba akka jiru himatee turuun isaa ni yaadatama.

Konkolaataa poolisii bakka namoonni walitti qabamanii jiranitti

Madda suuraa, AFP

Silviyaa Romaanoon bilisa bahuufi miirri jiru maal fakkaata?

Sanbata darbe akkuma buufata xiyyaaraa Room jiru Siyaampinoo geesseen, "qaamaanis ta'e samuudhaan" fayyummaatu natti dhaga'ama jette Silviyaa Romaanoon.

Namoota tajaajila tikaa Xaaliyaan keessaa ta'an maaskii uffatanii waliin deeman osoo gaggeessaa jiranii mul'atte.

Kana gidduumaan abbaan ishee Enzoon akkas jedhan: "gammachuudhaan akkan ta'u wallaale."

Bilisa baatee deebi'uu shamarree kanaa namoonni qe'ee ishee Milaan keessa jiran bilbila Bataskaanaa dhageessisuun ulaa ulaa balbala isaaniirra dhaabbachuudhaan gammachuu isaanii ibsataa turan.

Map
Presentational white space

Shamarreen kun dhaabbata tola-ooltumaa Xaaliyaan Afrikaa Mileelee Olnuus jedhamuuf hojjechaa turte. Bara 2018 Kibba-baha Keeniyaatti Kaawontii Kiliif keessatti hoteela baadiyyaa tokko keessaa hidhattootaan butamte.

Dhumarratti gara Somaaliyaa akka geeffamte amanama.

Yeroo sanatti poolisiin Keeniyaa nama Silviyaa Romaanoo arguu keessatti gargaareef badhaasa dolaara 10,000 akka kennu waadaa galee ture.

Seenaa butii

Silviyoo Romaanoo erga butiiwwan hedduu bara 2011 keessa Keeniyaatti raawwatamuun turiizimii biyyattiidhaaf gufuu ta'ee booda lammii biyya alaa butamte kan jalqabaa taateetti.

Ebla bara 2019 keessa, doktaroonni Kuubaa lama kaaba-baha Keeniyaatti fudhatamanii, gara Somaaliyaatti akka geefaman amanama.

Bara 2011 keessa rozoortii odola keessa jirtu tokko keessaatti gocha lammii Biriitish tokkoo ajjeesuun haadha warraa isaa butuun al-Shabaab itti gaafatamummaa fudhatee ture.

Baruma sana torban uraasaan booda, dubartiin Firench qaama hir'uu taate tokko mana ishee odolawwan Laamuu irra jiran keessaa butametee booda harka warra ishee butaniitti akka duute gabaafamee ture.

Baruma kana keessa hojjetoonni dhaabbata gargaarsaa Ispeen lama shakkamtoota hidhattoota warra jihaaddistittiin buufata baqattootaa Dadab gama qarqara Somaaliyaatiin jirurraa butamanii turan. Hojjetoonni gargaarsaa kunneen ji'oota 21 booda bilisa bahan.