Itoophiyaa: Fooyya’iinsi iskeelii mindaa barsiisota Oromiyaa eessa gahe?

Barsiistuu daree barnootaa keessa ijaajjitu

Madda suuraa, AFP Contributor

Dhimmi kaffaltii fooyya'iinsa iskeelii mindaa barsiisotaa adeemsarra kan jirudha malee kan dagatame mitii jedha Biiroon Barnoota Oromiyaa.

Manni Marii Ministeerotaa walgahii idilee Hagayya 4, bara 2011 gaggeesseen sirreefamni iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa akka hojiirra oolu murteessee ture.

Bu'uura kanaan kaabineen mootummaa naannoo Oromiyaas walgahii Amajjii 26 bara 2012 gaggeesseen, kaffaltiin garaagarummaa cehumsa mindaa kun akka kaffalamu kan murteesse.

Hojjettoota mootummaa fooyya'iinsa iskeelii mindaa kana keessatti hammataman keessaa barsisonni naannoo Oromiyaa, fooya'iinsi iskeelii mindaa kun hanga ammaatti nuuf hin raawwatamne jechuun komatu.

Barsiisonni manneen barnootaa Aanaa Mandii fi Tajii irraa dubbisne kunneen daballiin kun nu jalaa tureera jedhu.

"Xalayaan erga nu harka gahee ji'a lama darbeera. Xalayaan kun Adoolessa 1 irraa kaasee daballiin kun akka kaffalamuu akeeka. Garuu hanga ammaatti waan tokko nun geenye. Abdii qofa tahee hafe, " jedhan.

Daballiin taasifameera sababa jedhuun qaalayiinsi jireenyaa dabaluu isaatiin fooyya'insi kun dafee nuuf kanfalamuu qaba jechuunis gaafatan.

Naannoo Oromiyaa keessa barsiisota gulantaa adda addaa irratti hojjetan kuma 200 caalantu jira.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Asaffaa fooyya'iinsi iskeelii mindaa hojjettootaa kun sababa maallaqni yeroodhaan hin gadhiifamneef harkifate malee waan adeemsarra jirudha jedhan.

Biiroon Barnoota Oromiyaa maallaqa fooyya'iinsa iskeelii mindaa brsiisotaa kanaaf barbaachisu birrii biiliyoona 7'tti siiqu qorachuun biiroon maallaqa fi misooma dinagdee Oromiyaa akka raawwachiisufii dabarsuus himan.

Hojiin kaffaltii kanaa ji'a Eblaa irratti xumuruuf yaadamee turus waan hin dandahamneef hanga ji'a Caamsaa dhumaatti raawwachuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.

Dhimmichi adeemsarra kan jiru malee waan dagatame akka hin taanes himaniiru.

Hoogganaan Biiroo Sivil Sarvisii Oromiyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa naannoon Oromiyaa fooyya'iinsa iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa kana kaffaltii raawwachuuf bajata barbaachisu birrii Biiliyoona 10 fi miiliyoona 700 ministeera maallaqaatiif dhiheessee deebii eegachaa jiraachuu himan.

Akkuma bajatni kuni gadhiifameen hojjettoota iskeeliin mindaa isaanii fooya'eef kaffaltiin kan raawwatamu ta'uus BBC'tti himan.