B.Jeneraal Haayiluu Gonfaa: 'Fonqolcha mootummaa tahuu baatus hawwii isaanii agarsiisaniiru'

Madda suuraa, Walta TV
Adeemsi miseensi raayyaa ittisa biyyaa gara Masaraa Motummaa deeme sadarkaa fonqolcha mootummaatti ibsamuu baatus hawwii qaban kan ittiin agarsiisanidha jedhan B. Jeneraal Haayiluu Gonfaa.
Raayyaa ittisa biyyaa keessa sadarkaa hoggansaa garaagaraan waggoota 18'f kan hojjetaa turan B. Jeneraal Haayiluu Gonfaa amalaa fi caaseffama raayyaa ittisa biyyaa irraa ka'uun haalicha yoo ilaalle fonqolcha mootummaa gaggeessuu hin danda'an jedhan.
Osuma fedhiin jiraateyyuu sadarkaa waraanaa gadi aanaatti tasumaa raawwachuu hin danda'an jedhan.
Haa tahu malee akka naamusa waraanaatti karaa caasaa hoggansaa isaanii gaaffii dhiyeeffatu malee miseensi bakkuma dirqamaatii ka'ee waan fedhe gaafachuu fi deemuu hin danda'u jedhan B.Jeneraal Haayiluun.
Waraana keessatti maaltu dhorkaadha?
Akka seera Itoophiyaatti waraanni hiriira bahuun fi sadarkaa ajajaa gadiitti gaaffii dhiyeessuun dhorkaa akka tahe himan B.Jeneraal Haayiluun.
Dabalataan waraana keessas gaffiin bulchiinsa gaarii akka jiru himuun ajajootni olaanoon waraana gara gadii jiru dagatanii gara hojii mataa saaniitti deebi'uun kan sooroman jiruu jedhan.
Waraanni maali irra akka jirus quba hin qaban jedhan.

Madda suuraa, B.J Haayiluu Gonfaa
Waraanni ammoo kanarraa ka'uun galii argatuun of jiraachisuu fi maatii garagaaruu waan hin dandeenyeef gaaffii kaasuu akka danda'an himanii ajajootni olaanoon ammoo fedhii siyaasaa mataa isaaniif itti fayyadamuu akka danda'an himan.
Adeemsi naannoo Masaraa Mootummaatti raawwate maal akeeka?
B. Jeneraal Haayiluu Gonfaa hojicha keessa yeroo dheeraa waanan tureef haalan hordofeera erga jedhanii, jalqaba gara namoota 800 tahantu naannoo masaraa mootummaa deeme jedhan.
Erga achi gahaniis namoota 200 ol tahantu akka ol galan taasifame jedhan.
Haa tahu malee erga kun raawwatee bilchinaan waan qabameef gaaffii bu'uuraa cimaa tahellee osoo hin dhiyeessiin adeemsicha irraa baratanii deebi'an jedhan.
Ganamaan jalqabee waanti kun raawwachaa turuun isaa garuu dhimmichi akka beekamu mul'isa jedhan.
Jalqaba kaayyoo dhokataa inni qabu yeroo humni waraanaa kun deemee ol galuuf yaalu eegdota Masaraa Mootummaa waliin akka walitti bu'an taasisuun warri qindeessan ammoo as keessatti waan yaadan raawachuuf waan yaadame tahuu danda'a jedhan.
Adeemsi deebiin itti kenname maal fakkata?
Ministirri muummee ajajaa waraanaa ykn hogganaa siyaasaa qofa osoo hin taane nama waraana keessatti guddate waan taheef haalicha akka gaariitti hubateera jedhan qondaalli kun.
Kanaaf amala waraanaa waan beekuuf waraana humnaan dhufe humnaan deebisuun kan danda'amu tahus qoosaan qabee deebisuun isaa miidyaaf waan nama kofalsiisu fakkatus waan salphaa miti jedhan.
Waraana garee gadii irraa dhufe waliinis walitti bu'uun waan hin barbaachisneef sirreessuun kan barbaachisu caasaa fi hoggansa tahuu waan hubateef haala gaariin deebise jechuun ibsan.
Waanti yaadames xiyyeeffannoo miidiyaa argachuu fi qaawwaa hoggansaa jira jedhamee akka odeeffamuuf kan qindaa'e taha jedheen yaada jedhan.
Fuulduratti garuu haaromsi barbaachisaan caasaa humna waraanaa kana osoo yeroo itti hin kennamiin hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Dabalataan kaleessa waraanni xiqqaan kun mootummaa fonqolchuu humna hin dandeenye tahus of eeggannoof eegumsi qabeenyota jajjaboof taasifame gaarii ture jedhan.
Qondaalli waraanaa BBC'n bilbilaan duubise gara biraan maqaan isaa akka ibsamu hin barbaanne, adeemsi miseensotni raayyaa ittisa biyyaa kaleessa masaraa mootummaa deemuun gaaffii dhiyeessan,'dadhabina keessoo tika waraanaa kan agarsiiseefi waan hamaa ta'edha' jedhan
Qondaalli kun gaaffii miseensotni raayyaa ittisa biyyaa Dr Abiyyiif kaasan gaaffii raayyaa waraanaa kan bakka bu'u ta'uu danda'a erga jedhanii booda karaan ittiin deeman garuu naamusa loltummaa jabaataa ta'e kan cabsedha jedhan.
Loltoota akka kanaa uffata danbii uffataniin walga'ii dirqamaan waamuun baayyee kan nama rifachiisudha jedhan qondaalli kun.
"Waanti kaleessa ta'e kan nutti himu kutaan odeeffannoo loltuu hojii isaa sirriitti hin hojjenne jechuudha."
Qondaalli kun rakkoon kun walumatti qabaatti rakkoo nageenya raayyaa ittisa biyyaa ta'uu yeroo ibsanitti akkaataa waantichi ittiin guddachaa deeme tarreessuudhaan ture.
Loltoonni yeroo dirqamaaf bobba'anis ta'e yeroo gara kaampii isaaniitti deebi'an akkasumaan daandii filatu osoo hin taane sa'aatii konkolaatonni loltootaa itti ka'aniifi itti deebi'an akkasumas sochiin isaanii karaa ajajoota isaanii hordoffiifi waljijjiirraan odeeffannoo sirriitti taasifamu qaba jedhan.
Haa tahu malee kutaan masaraa eeguuf ramadame humna karaa seeraan alaa dhufe kamiyyu keessummeessun irra hin turre jedhan.
Loltoonni kun erga kana darbanii seenanii booda tarkaanfiin naamuusaa irratti fudhatamuu qabaa? kan jedhuuf qondaalli kun, ''Duraan dhaabuun irra ture garuu erga seenanii booda waan jiru tasgabbeesuudhaaf sadarkaa isaaniifi miira isaaniitti gadi bu'anii keessumsiisuun filannoo biraa kan hin qabnedha," jedhan.

Madda suuraa, Fitsum Arega
Miira isaanii sana hubachuudhaanis Ministirri Muummichaa haala ture sana yerodhaafis ta'u tooftaadhaan hiikaniiru. "Dandeettii fi ogummaan isaan qaban isaan gargaareera," jedhan.
Qondaalli ol aanaan kun akka tilmaamanitti, garraamummaa loltoota dargaggoota kana fayyadamanii qaamni shira xaxe jira.
Akka kana amanan kan taasise ammoo tartiiba ajajaa cimaa loltuu keessa jirudha jechuun ibsan.
Loltoonni kunneen callisanii akka tasaa miiraan kaka'anii gara masaraa mootummaa carraan ittiin dhufuu danda'an hin jiru jedhanii amanu.
Jijjiirama amma jiru waliin walqabatee loltoonni dargaggoonni kunneen dimokiraasii kallattiin ittiin hubatan garaa gara waan ta'eef gocha kanaaf isaan ga'eera jedhanii amanu.
Loltuu kan loltuu jechisiisu naamuusa isaati. Takkaa raayyaa keessa galtee jennaan waanti nama gaafachiisu ni gaafachiisa jedhan.
Haa tahu malee waanti akkasii kun akka salphaaatti kan fudhatameefis yeroo ammaa kana ce'umsarra waan jiramuuf, garaa bal'achuun waan barbaachiseefidha. Dabalataan miira gaarii amma jiru akka hin balleesineef jecha tarkaanfiin cimaan fudhatamuu dhiisuu mala jechuun BBCtti himan.
Xumura irrattis haaluma wal fakkaatuun itti fufa jechuun garuu hin danda'amu, dhimmi uumame kun nageenya keessoo loltuutiif akeekkachiisa cimaa dha jedhan
Gaaffii daballii miindaa fi haaromsa mana hojiif barbaachisu ilaalchisee osoo hin eegamiin kaleessa loltootni 240 tahan Masaraa Mootummaa seenuun minitira muummee waliin mari'ataniiru.












