Koronaavaayiras: ‘Sababa maaskiin’ maatiin US wardiyyaa ajjeesan

Madda suuraa, GOFUNDE ME
Dubartiin tokko abbaa warraafi ilmaa ishee waliin waardiyyaa intala isanii sababa isheen maaskiin hin godhatiiniif suuqii eegaa jiru seenuu dhorke ajjeessuun himataman.
US bulchiinsa koronaavaayirasiin hedduu miidhamte Mishigaan magaalaa Filiint suuqii Family Dollar jedhamu keessaatti waardiyyaa ta’ee kan hojjetu Kaalvin Munerliin duubaan maata isaarra rasaasaan rukutame ajjeefame.
Kaalviin umuriin isaa ganna 43 yoo ta'u, kan ajjeefame erga intalli dubartii ganna Sharmel Tiig maaskii mootummaan ajajame waan hin uffaneef suuqii seenuu hin dandessuu jechuun yeroo dhorku hatakaroo ka’e booda.
Namni umuriin isaa ganna 44 ta'e abba manaan dubartii kanaa, Laarii Tiig, ilmishee ganna 23 Ramoonya Bishoop waliin ta'uun suuqicha seenuun Kaalviniin reebuu eegaluu isaaniin himataman.
Dubartiin kun to’annoo jala ooltus abbaa warraafi ilmi ishee garuu miliqanii ammallee barbaadamaa jiru. Sadan isaaniiyyu ajjeechaa karoorfameefi meeshaa waraanaa qabaachuun himatamu.
Weerara koronaavaayirasii ittisuuf jecha qajeelfama mootummaa yeroo suqii galtan maaskii uffachuu qabdu jedhu darbuunis Laarii Tiig irratti himanni banameera.
Intala dubartii kanaa irratti himatni hin banamne.
Jalqaba dubbii afaaniin atakaaroon keessa erga galanii booda Sharmel Obbo Kaalvinitti iyyiteefi itti tuftee booda konkolaataa keessa galtee akka deemte abbaan alangaa Leeyton Murelin ibsa miidiyaaf Wiixata kennaniin dubbataniiru.
Takka turtee abbaa warraafi ilmashee waliin ta’uun deebi’uun atakaaroo hammatee akka eegalan aanga’oonni ni dubbatu.
Rasaasa isa ajjeese kan dhukaasa ilmashee ture.
“Ajjeechaan Kaalviin bayyee kan nama gaddisiisuufi kan sukkaneessa ta’edha. Namootni kana rawwatanis seeraan ni gaafatamu,” jechuun abbaan alangaa dubbataniiru.
Haati Kaalvin, Bernideet “Mucaankoo hojiisaa hojjete malee waan godhe hin qabu,” jechuun miidiyaa Associated Press’tti himaniiru.
Sirna awwaalchaa Obbo Kaalviniif marsaritii GoFundMe irratti doolari 100,000 ta’u walitti qabameera.
Obbo Kaalviin abbaa ijoolle saddeeti turan.
Bulchaan Mishigaan Gireechen Witmer Covid-19 ittisuuf jiraattonni yeroo mana daldalaa seenanitti maaskii uffachuu qabu jedhu baasaniiru. Manneen daldalaa nama qajeelfama kana darbuun maaskii hin uffanne kamiifiyyuu tajaajila keennuu dhiisuuf mirga qabu
Mishigaan keessatti namootni 43,950 ta’an vaayirasichan kan qabaman yoo ta’u, namootni 4,135 ammoo du’aniiru.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













