Koronaavaayiras: Jibuutiitti lakkoofsi COVID-19 dabaluun naannoo Afaar yaaddesse

Madda suuraa, ERIC LAFFORGUE/ART IN ALL OF US
Jibuutiitti lakkoofsi namootaa koronaavaayirasiin qabamanii dabaluun yaaddoo jedhe Biiroo Eeggumsa Fayyaa Naannoo Affaar.
Itti-aanaa biirichaa kan ta’an Obbo Yaasiin Habiibi BBC’tti akka himanitti, “Jiibutitti namoonni hedduu waan qabamaniif yaaddoon jiru ulfaataadha.
Lammiileen Jibuutii hawaasa naannichaa waliin haalli jireenyasaanii waan wal fakkaatuuf daangaa ce’uuf carraa guddaa qaba,” jechuun yaaddoosaanii ibsaniiru.
Biyya lammiilee miiliyoona hin guunne qabdu Jibuutii keessatti hamma ammatti namoonni 1,100 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, guyyaa guyyaadhaan lakkoofsi namoota qabamanii dabaluusaa ibsa mootummaa biyyattii ni mul’isa.
Itoophiyaan daldala galiifi baasiitiif buufata doonii Jibuutii baay’inaan kan fayyadamtu yoo ta’u, daangaa biyyoota lamaan daangessu inni guddaan naannoo karaa Affaariitiin.
Yeroo ammaa kanatti Jibuutiirraa gara Itoophiyaa sababa adda addaatiif seenan 510 bakka addaa naannoon Affaar qopheesse keessatti adda baafamanii akka jiran qondaalli kun dubbataniiru.
Kaleessa qofa “namoonni daandii adda addatii Jibuutiirraa namoonni 130 naannicha galaniiru. Kunis lakkoofsa namoota adda baafamanii jiranii gara 485’tti ol guddiseera jechuudha.
Lakkoofsi namoota Jibuutiirraa seenanii dabalaa jira,” jedhan Obbo Yaasin.
Samuudni 296 namoota Jibuutiirraa deebi’anii bakka tursiisaa keessa jiraniifi eeruudhaan, akkasumas mana manarra deemuudhaan taasifameen argame gara Finfinneetti erga ergame booda bilisa ta’uunsaanii kan beekame yoo ta’u, kan namoota biroo immoo bu’aansaanii eegamaa jira.
Naannoo Affaaritti hamma ammaatti nama tokko kan koronaavaayirasiidhaan qabame. Jiraataa Gawaalee waliin dubartiin tuttuuqqii qabdu turte qorannoo taasifameen dhukkubbicharraa bilisa taatee jirti.
Namoonni Jibuutiirraa gara naannichaa seenan bakka adda itti baafaman yunivarsiitii Samaraa keessa akka turan erga taasifame booda samuudnisaanii gara Finfinneetti ergama ture.
“Bu’aa qorannoo eeguu yeroo fudhata ture. Bu’aanis sa’aatii 24 yookiin 48 keessatti ifa taasifama ture. Ta’us garuu samuudni kunneen gara kutaalee yaalii garagaraatti waan ergamaniif bu’aan qorannooo bakka tokkotti hin dhufu ture,” jechuun haala jiru ibsu.
Rakkoo kana furuuf Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannichaa Ministira Fayyaa waliin ta’uun wirtuu yaalii qopheesse har’a hojii jalqabuusa Obbo Yaasin ibsaniiru.
“Wirtuun yaalii kun nuufis ta’ee hawaasaaf waan guddaadha.”
Insititiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Affaar magaalaa Samaraa keessatti kan argamu yoo ta’u, guyyaatti “samuuda 160-200,” qorachuu danda’a jedhaniiru.
Naannichi mana manarraa deemuun hordoffii taasisaa jira. Hamma ammaattis namoota 29,578 irratti hordoffii taasisaa jiraachuusaa kan ibsan qondaalli kun, namoota ho’aa qaamaafi mallattoo biraa mul’isan adda baafamuusaanii ibsaniiru.
“Namoonni odeeffannoo qabaatanis of eeggannoorratti ammallee ni hafa.
Abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaa tattaaffii taasisaa jiru. Masjiidotarratti salaanni hin jiru Azaana (waamicha salaataa) malee. Hojiileen hojjataman garuu nu hafu,” jedhan.
Imaamonni naannichaa adda baafamanii turanii fi guyyoota 14’f turan namoonni 143 qorannoon taasifameefii dhukkubbicharraa bilisa ta’uunsaanii eega mirkanaa’e booda gara manasaanitti deebi’aniiru jedhan Obbo Yaassin.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















