'Tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf guutummaatti sochii dhorkuu hin dandeenyu' MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, FBC
Mootummaan Itoophiyaa tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf jecha guutummaatti sochii dhaabuu akka hin dandeenye Ministirri Mummee Abiy Ahimad (PhD) himan.
MM Ibsa harra kennaniin akka dubbataniitti, mootummaan sochii lammiilee guutummaa guutuutti dhorkuurra of eeggannoon lakkoofsa namoota miidhamanii hirrisuuf ni hojjata jedhaniiru.
Kanaafis , kanneen mana hin qabneefi guyyaatti yoo waa hojjatan malee waan nyaatan kan hin arganne jiraachusaanii kan eeran Abiy, mootummaan fedhii kanneen guutuuf ammoo dandeettii hin qabu jedhaniiru.
Itti dabluunis, marii dureewwan biyyoota Afriikaafi qondaaltoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin taasisaniin, dhukkubni kun haala amma jiruun itti fufee gama miidhaatti yoo ce'e torbanoota itti aanan keessatti dandeettiin ittisaa keenya baayyee dadhabuu danda'as jedhaniiru.
''Balaan qaqabu maluus cimaa waan ta'uuf of eeggannoon akka taasifnuuf gorsa nuuf kennaniiru,'' jedhaniiru.
Kanaafuu, ummanni Itoophiyaa hundi yoo xinnaate balaa karaa tuxxuqqaafi qulqullinaatiin isa mudatu yoo hirrisee, mootummaan kan gaheesaa yoo bahee tatamsa'ina dhukkuba kanaa hirrisuun ni danda'ama jedhamee yaadamee akka ture himaniiru.
Haata'u malee, jijjiramni amalaa hawaasa keessatti hanga eegame mul'ataa akka hin jirrees MM dhiman.
Namoota har'a qabanmuunsaanii mirkanaa'e dabalate lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 38 gahuu Ministirri Fayyaa biyyatti beeksiise.
Maanguddoo waggaa 85 harra dhukkubicha irraa bayyanatan waliin namoonni afur vaayirasicharraa fayyuu isaanii ministiritiin himaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

Namoota har'a qabanmuunsaanii mirkanaa'e dabalate lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 38 gahuu Ministirri Fayyaa biyyatti beeksiiseera.
Maanguddoo waggaa 85 harra dhukkubicha irraa bayyanatan waliin namoonni afur vaayirasicharraa fayyuu isaanii ministiritiin himaniiru.
Rakkoon koronaavaayirasii kun torbanoota dhufan keessa cimee kan itti fufuu yoo ta'e ammoo, lammiilee Itoophiyaa hundi kan gahee isaanii bahuuf qophaa'uu akka qaban waamicha dabarsaniiru.
Kanaanis, ''maatiin tokko guyyaatti haala maatii biraa tokkoof nyaata dhiyeessuun danda'uun of qopheessuu qabu,'' jedhan.
Kana malees, torbanoota dhufan keessa haaluma qabatamaa jiraatuu irratti hundaa'uun murteewwan biraa kan fudhatamu ta'usaas himaniiru.














