Ameerikaatti yeroo jalqabaaf koroonaavaayirasiin lubbuun namnaa darbe

Tiraamp

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp ''Wantu nunaasisu hin jiru"

Ameerikaa Waashingitanitti yeroo jalqabaaf namni tokko lubbuu dhabuun gabaafamee jira.

Namichi lubbuu dhabe jedhame kan ganna 50 keessa jiruufi dhukkuboota biraas qabudha jedhameera.

Biyyattii keessa namonni biroo vaayirasichaan qabaman jiraachuu akka malan kan himan Tiraamp, biyya kamiyyuu caalaa qophoofnee jirra jedhaniiru.

Awustiraaliyaanis nama tokko du'aan dhabuushee beeksiftee jirti. Namichis umuriin isaa ganna 78 doonii 'Diamond Princess' jedhamtu keessa kan ture ta'uun beekameera.

Namoonni 3,000 ol amma yoonaatti vaayirasii kanaan lubbuu akka dhaban DhFA beeksisee jira.

Namichi gara balaan vaayirasichaa itti jirutti akka hin imalle kan ibsame yoo ta'u, kanumarraa ka'uun bulchaan Waashingitan labsii yeroo hatattamaa labsanii jiru.

Kaalifoorniyaa, Ooreegan fi Waashingitanitti namoonni gara vaayirasichi baay'atutti hin imalle mallattoo agarsiisuu isaaniitiin yaaddoon uumameera.

Ogeessota fayyaa

Madda suuraa, Getty Images

Bakka bashannanaa maanguddootaa Waashingitanitti argamutti namoonni lama mallattoo agarsiisuu isaaniitiin gara dhaaba fayyaatti geeffamanii jiru. Kanneen hafanis qorannoon taasifamaafii jira.

Amma yoonaatti namoonni 62 Ameerikaa keessatti vaayirasichaan qabamuun isaanii beekamee jira.

Iraan Chaayinaatti aanuun biyya lammiilee hedduu dhabdedha.