Laarii Teesilar: Ogeessi saayinsii kompiitaraa 'cut, copy fi paste' kalaqe waggaa 74tti du'e

Laarii Teesilar, 1998

Madda suuraa, Getty Images

Ogeessi saayinsii kompiitaraa Laarii Teesilar waggaa 74tti addunyaa kanarraa du'aan boqote.

Yeroo namoonni baayyeen kompiitaratti fayyadamaa hin turre, jalqaba baroota 1960 keessa Teesilar Siliikan Vaalii-wiirtuu teeknoloojii Ameerikaa naannoo Saan Firaansiskoo keessaa hojjeta ture.

Galata kalaqoota isaa- ''Cut, copy, fi Paste'' malee har'a kompiitara dhuunfaa akka salphaattii fayyadamuu dandeenya.

Dhaabbata Zeerooks jedhamu lafa Tesilar jiruu isaa yeroo dheeraa dabarse ergaan gaddaa darbaafii jira.

Dhaabbatichi, ''kalaqaan cut/copy fi paste fi Find fi replace,qorataa Zeerooks ture,'' ''hojiin keenyi guyyuu akka salphatu kan godhe isa,'' jechuun fuula Twiitarii irratti katabeera.

Teesilar Niiw Yoork Birooniks jedhamu bara 1945tti dhalate, barnootasaa Kaalifoorniyaa Yunivarsiitii Istaanforditti barate

Erga yunivarsiitii irraa eeebbifamee sirna kompiitaraa fayyadamaaf salphaa akka tahutti hojjetaa ture.

Dhaabota teeknolojii gurguddoodhaaf hojjeteera. Zeeroks Paawuloo Altoo otoo hojjechaa jiruu Istiiv Joobs Appilitti isa fudhate.

Appil erga gadhiiseen booda dhaabbata mataasaa banee hojjechaa ture. Amaazoonii fi Yahoo keessas yeroo gabaabaaf hojjeteera.

Bara 2012tti, ''Waan hanga yoonaatti baratte dhaloota dhufu barsiisuun gammachuu guddaa namaa kenna,'' jechuu BBCtti himeetu ture.

Teesilar, 'Cut, copy fi paste,'' isa namoonni waan barreefame maxxanfame muranii iddoo biraatti maxxansan irraa yaada fudhatee hojjete.

Ogeessichi kompiitara fayyadamuun salphaa tahuu qaba jedhee amana ture

Laarii Teesilar, 1998

Madda suuraa, Getty Images