Koronaavaayirasi: Kaartaan dogoggoraa tatamsa'ina koronavaayirasiirratti hojjetame akkamiin addunyaa walgahe?

Kaartaa

Saayinstoonni koronaavaayirasiirratti qorannoo adda addaa geggeessaa jiraatanis tatamsa'inna vaayirasichaa sadarkaa idil-addunyaarratti jiru odeeffaannoo sirrii hin taane gabaafamaa jiru.

Kaartaan waggoota 10 dura hojjatame kun haala kanaan odeeffannoo sirrii hin taanee ibsu kun marsariitiileen adda addaat sadarkaa idil-addunyaatti itti fayyadamaa jiru.

Oduu ijoon tokko akkas jedheera: "Kaartaan haaraa bahe biyyi kamuu koronaavaayirasiirraa bilisa akka hin taanee fi Kaartaan tokko imaltoonni Wuhaan kumaatamaatti laaka'aman magaaloota 400 akka idil-addunyaatti tamsaasuu danda'u".

Akkamitti jalqabe?

Kaartaa

Jalqaba ji'a kanaatti qorannoon 'World Population Project' jedhamu yuunivarsiitiin Sawuuzihaampitan'tti maxxanfame akka agrsiisutti namoonni Wuhaan keessa jiraatan osoo magaalattiin tatamsa'inna vaayirasichaa to'achuuf jecha cufamuu dura torbee lamaaf imalaa turan.

Qorannichi akka ibsetti namoonni 60,000 ta'an osoo magaalattiin qoqqobbii imalaa hin kaa'in dura akka idil-addunyatti gara magaalota 400 imalaniiru jechuun tilmaamaa.

Qorattoonni dhimmoota hojiisaanii dabalatee kaartaa imala qilleensaarraa fa'a fuula Tiwiitaraasaaniirratti ergaawwan heddu maxxansaniiru.

Maxxansichi garuu kaartaan sun qaama qorannoonsaaniin ala ta'uu hin ibsu.

Namoonni muraasni ibsi halluu diimaan jiru sun daandiilee balalii akka ta'eef gaafachaa turan - argannoo qorannichaa bakka bu'uun. "Lakki," jedhe gareen qorannoo kun - kunis qaamaa maxxansa isaanii fi haala idil-addunyaatti jiru mul'isuuf kan maxxanfamedha - boodarra garuu maxxansichi haqameera.

Ta'us garuu "odeeffannoo kanarraa hammi ta'e odeeffannoo sirrii hin taaneedha," jechuun yuunivarsiitichi BBC'tti himeera.

Boodarra maaltu uumame?

Miidiyaalee Awustiraaliyaa hedduunsaanii kaartaa kanatti fayyadamaniiru. Dabalataanis oduulee miidiyaa 'the Sun, Daily Mail fi Metro' faatti itti fayyadamaniiru.

Miidiyaa Awustiraaliyaa '7News' jedhamu kaarticharratti marii eega taasise booda viidiyoosaa miidiyaa hawaasummaarratti maxxanseera. Viidiyoo kanas namoonni miiliyoona torbaa ol ta'an daawwataniiru.

Namoota sadi TV irratti yeroo dubbatan

Gabaasichi akka jedhetti kaartaan sun tatamsa'inna vaayirasichaa sadarkaa idil-addunyaatti jiru mul'isa.

Sararri diimaan jiraattota miiliyoona shan Wuhaan magaalattiirraa gara bakka biraatti imalan agarsiisa jedhe qopheessichi.

Dhugaa jirutti garuu sararri diimaan daandiilee balalii idil-addunyaatti jiru agarsiisa.

Nmaoonni miiliyoona shan ta'an immoo bakkeewwan hundarraa kan dhufaniidha. Kantiibaan Wuhaan yeroo lakkofsa kanaa dubbatan irra caalaansaanii namoota ayyaana bara haaraa Chaayinaaf Wuhaan turaniidha jedhaniiru.

Amma hoo?

Miidiyaan '7News' jedhamu kaartaa san marsariitiisaarraa haqeera.

Ta'us garuu oduulee walfakkaataa kan afaanota biroo kan akka Afaan Arabaa, Raashiyaa Poolaand fi Veetaniim hojjatame irratti ammas ni jira.

Namni qopheessaa raadiyoo US Gileen Beek'tti dubbate tokko akka jedhetti qorattoonni UK moobaayilii namoota Chaayinaa gad dhiisanii 60,000 qofa irratti qorannoo taasisuun kaartaa imalaa hojjatan jedha.

"Kaartaan sun baay'ee nama sodaachisa," jedheera.