Iraan nama CIA'f basaase jette du'aan adabde

Madda suuraa, EPA
Manni murtii olaanaa Iraan nama CIA'f baasaaseera jedhee himate du'aan adabeera.
Amiir RaahimPuur ,''waa'ee sagantaa niiwkileeraaa Iraan Ameerikaaf odeeffannoo dabarsuuf maallaqa guddaa argachaa ture,'' jedhan dubbii himaan mana murtichaa Goholaamhuseen Ismaa'el.
Kana malees, ''basaastonni Ameerikaa lama himatuma wal fakkaatuun waggaa 10 kan irratti murtaa'e yoo tahu, gocha faallaa nageenya biyyaalessaa tahe rawwachuun waggaa dabalataa shaniin adabamaniiru.
Dubbii himaan kun maqaa isaanii hin dhahiiniyyuu malee, namoonni kunneen dhaabbata tola oolaaf hojjechaa turan jedhaniiru.
Mootummaan Ameeerikaa dhimma kanarratti deebii hin kennine.
Haa tahu malee baatii Adoolessaa darbe keessa Iraan namoota 17 basaasaan himattee to'annoo jala akka oolchite shakkii akka qabdu Ameerikaan himtee turte.
''Ayaatoolaaf addunyaatti soba himuun uumama isaati,'' jedhan Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Paampiyoon, kanaanis hogganaa amantii olaanaa Iraaan Ayaatoolaa Kaahaameenii tuquu isaanii ture. Lammii Iraan kamiyyuu gocha isaan raawwatan ija shakkiittan ilaalas jedhaniiru
Ministeera Ittisaa Iraanitti hojii kontiraaktarummaan kan hojjetaa ture Jaalaal Haajizaavaar baatii darbe keessa basaasummaan shakkamee erga qabameen booda du'aan adabameera. Haajizaavaar CIA'f akka basaasuuf kaffaltii fudhachuu isaa amanee ture.
Bara 2016ttis Iraan saayintistii niwkilaaraa sababuma yakka basaasuutiin du'aan adabdeetti. Shaahaaraam Amiir bara 2009tti gara US kan deeme yoo tahu, waggaa tokko keessatti hayyamasaa malee akka fudhatame himuun biyyatti deebi'ee ture.
Oduun ajjeechaa Amiir Raahimpuur yeroo Teehraanii fi Waashingitan gidduu muddamni jiru kanatti dhagahame.
Baatii Amajjii keessaa jenaraalli olaanaa Iraan Qaasiim Suleemaani Baagidaad keessatti ajjeefamuun ni yaadatama.
Deebii kanaafis Iraan buufata waraanaa Iraan lama iddoo humnooti Ameerikaa qubatan misaayila dhukaasteetti.















