'Barattoota ugguraman jedhaman keessaa barattoonni Yunvarsiitii Dambi Doolloo 14'

Madda suuraa, BBc
Pirees Seekreetaarii Waajira Ministira Muummee obbo Nugusuu Xilaahuun sakatta'insa hanga ammaatti gaggeessaniin kanneen barattoota ugguramaniiru jedhamee maqaan isaan gahe 17 keessaa barattoota Yunivarsiitii Dambi Doolloo kan ta'an 14 ta'uu mirkaneessineerraa jedhan.
Barattoota Yunivarsiitii Dambi Doolloo qaamolee hidhataniin butamaniiru jedhamu ilaalchisee Pirees sekreetaariin Waajira Ministira Muummee Komishiniin Poolisii Federaalaa fi Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanoo waliin ta'uun ibsa kennaniiru.
Hanga yeroo dhiyootti achi buuteen barattoota 17 gaafatamaa jira kan jedhan obbo Nugusuun Yunivarsiitii irraa akka qulqulleeffannetti barattootni 12 barattoota Yunivarsiitichaati jedhan.
Kan hafan shan Yunivarsiitichaan kan hin beekamne ta'uus dubbatan. Namoonni barattoota ta'uun isaanii hin mirkanoofne shanan kunis dhuguma yoo ugguramaniiru ta'e isaaniis lammiidha waan ta'aniif ni qabsoofnaaf jedhan.
''Guutummaatti maqaa namoota ugguramaniiru jedhamee tarreefamee fi kan Yunivarsiitiin Dambi Doollo barattoota kooti ittiin jedheen alatti Naannoon Amaaraa maatiin lama ijoolleen barnootaaf ergine deebi'anii hin dhufne jechuun eeruu kennuu isaanii nuuf ibseera'' jedhan.
Hojii mirkaneeffachuu sana booda hojjenneeniis, barattootni lameen maatiin na jalaa badaniiru jechuun iyyatan dhugumatti barattoota Yunivarsiitichaa ta'uun mirkanaa'eeras jedhan.
''Amma walumaagalatti Barattootni Yunivarsiitichaa 14 fi lammiileen biroon barataa hin taane shan iggitamuu qulqulleefanneet waa'ee kanaa haasa'aa jirraa'' jedhan.
Hanga Ammaatti Maatiin daa'ima keenya dhabne jedhee iyyate 10 akka ta'es dubbatan.
Rakkoo kana furuuf gareen sadii waliin hojjetu hundaa'ee jiru garee qorannoo, garee teeknikaa fi garee hooggansaa ta'uus dubbatan.
Gareen kun gara naannichaatti si'a lama imalee gabaasota lama dhiyeessuus himan.
Miniseerri Nagaa, Hooggansi Naannoo Oromiyaa, Raayyaa Ittisa biyyaa fi Waajira Ministira Muummee kan Ministeera Dhaabbilee Barnoota olaanoo waliin ta'uun gara naannichaa imalanii akka turan dubbataniiru.
Ragaan argame qindaa'ee dhiyeenyaatti uummataaf ifa akka ta'us dubbataniiru.
''Tarkaanfii fudhanneen qaama hidhatee socho'u barbadeessuun naannicha to'anneerra''
Komishinara Janaraalli Komishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaaw gama isaaniin naannoo barattootni kun iggitaman jedhamutti qaamni hidhatee socho'u jiraachuu eeruun tarkaanfii mootummaan qaama kanarratti fudhachaa jiruun garee kan barbaddeessuun naannicha to'achuun danda'ameera jedhan.
Qaamonni tarkaanfii fudhatame jalaa miliquu danda'an of gurmeessanii sochii itti fufuu fi mootummaaniis tarkaanfii fudhachaa akka jiru ibsaniiru.
Gochi iggituu kun kana dura abbootii qabeenyaa fi hooggantoota naannoo kanaarratti raawwatamuus ibsa kanarratti himameera.












