Kondomiin 100,000 duula ittisa HIV'f bilisaan rabsamuuf ture dhorkame

Kondomii

Madda suuraa, Getty Creative

Bulchaan kutaa biyya Ameerikaa Yutaah, Kondomiiwwan 100,000 waraqaa ittiin saamsaman irratti ergaan waa'ee quunnamtii saalaa ifatti odeessu irratti barreefameera jechuun akka hin raabsamne dhorkeera.

Jechoota kanneen akka 'sagaagaltuu' jedhanii fi jechooti biroollee akkasuma tulluu fi holqa naannoo magaalattiitti argaman akka fakkeessaatti fayyadamuun irratti barreefamaniiru.

Barreefamichi qaama duula waajirri fayyaa ittisa HIV kutaa biyyaa Yutaahiidhaan namoonni akka kondomii fayyadaman jabeessuuf qophaa'ee ture.

Waajirichi kondomiin ergaa akkanaa qabatee saamsamuusaaf dhiifama gaafateera.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Miseensi Riippabilikaanii naannichaa Herber, ''hawaasa barsiisuuf duula waajiricha dhimma HIV irratti taasisu, nan beeka, nan hubadhas'' jedheera

''Haa tahu malee barreefama waraqaa sana irratti katabame namoonni quunnamtii saalaa akka godhaniif kan cicachiisu yoo tahu waajirichi dhimma barreefamichaa irratti hojjechuu qaba'' jedheera.

Waajirri fayyaa kunis,''barreefamichi adeemsa mirkanaa barbaachisaa keessa hin darbine,'' jechuun dhaabbati kamiyyuu duularraa jiru akka dhaabu jedheera.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

''Duula kana booda HIV ittisuudhaaf gaggeessinuun qarshii kaffaltoota taaksii gama kabajuun taasisan jedheera.

Waajirichi kondomiiwwan kunneen karaa buufataalee fayyaa Lixa Ameerikaa keessatti raabsuuf karoorfatee ture.

Vaayrasiin HIV humna ittisa qaamaa kan miidhu yoo tahu, qorichi mallattoo dhukkubichaa hir'isan haa jiraatuyyuu malee, qoriichi fayyisu hin aragamne.