Isheen Eenyu? 6: Dubartii qabsooftuu turte hojii suphee dalaguuf hojii mootummaa gadhiiste

Dubartoonni Eritiraa qabsoo bilisummaaf taasisaniin, waa'ee lubbuufi ijoollee isaanii qaqqaalii wareegaman kabajaaan odeeffatu.
Kaan immoo kallattiidhaan hirmachuudhaan seenaa isaanii dhiigaan barreesaniiru. Galmeen seenaa Eritiraas kanuma odeessa.
Nigistii Gabiramasqal bara 1978tti dhalattee barnoota kutaa 10 akkuma xumurteeni qabsoo hidhannootti kan galte.
Leenjii siyaasaafi loltummaa fudhachuun gara gammoojjiitti ergamtee barsiistuu tahuun hanga Eritiraan bilisa baatuttti hojjechaa turte. Ergasii immoo galmeessituu sanadaa tahuun hanga 2003tti mana mootummaa keessatti tajaajilteetti.
Amma Asmaraa naannoo Poost Ofiis jedhamutti mana xiqqoo biqiltootaan guutamte keessa jiraatti.
Yeroodhuma dallaashee seentan urgaa biqilootaati si simata. Hojiiwwan suphee isheen hojjettullee hanga iddoo taa'an dhabanitti abaaboon dallaa guuteera.

Nigistiin seenaashee akkasitti himti
Maqaan koo Nigistii Gabiramasqal jedhama. Bilisummaa Eritiraaf jecha qabsaa'eera, barsiisummaatiin tajaajileera, mana mootummaattis galmeessituu sanadaa tahuun hojjedheera.
Fedhiin koo garuu kana hin turre. Ogummaa suphee hojjechuu gatiin baaayyee jaaladhuuf hojii mootummaa dhiiseen gara kanaatti gale.
Barri 2003 yeroo hojiin ogummaa harkaa itti babal'ate ture. Anis yeroos abujadii irratti xilfii( hojii harkaa huccuu bal'aa irratti lilmoodhaan hodhuun hojjetamu) dha.
Faayaa dhakaa gatii jabeessaan hojjetamus nan tolchan ture. Ijoollee taanee gara gammoojjii deemuun keenya dura kirrii dhaan qomee hojjenne maatii keenya nu eebbisaa jennaan ture.
Achuma gammoojjii keessa qabsoorra taanneellee qabsooftota achi jiran ogummaa akka baraniifi ijoollee isaaniif kaalsii akka hodhan barsiifna turre.
Ogummaa koo akkasitti guddiseen Asmaraatti ogeettii hojii harkaa beekamtuun tahe.
Namoonni hojii koo beekaniifi yeroo qabsoo na beekan oomisha koo fuudhanii deemanii gurguruudhaan na gargaaru ture.
Baatiin Onkololeessa 2005 garuu waan gaarii naa fiddee dhufte. Godinaalee Eritiraa hundarraa dubartoota walitti qabamne 10 dubartiin Xaaliyaanii Kilaawudiyaa Zaamboonii jedhamtu hojii suphee hojjechuu nu barsiiste.
Leenjii baatii 10 erga fudhanne jennaan sana booda ani harka maradhee hin teenye. Ji'a tokko keessatti mi'a na barbaaachisu guuttadheen hojii koo jalqabe.
Bara 2007tti hojii koo hunduma egzibishiinii magaalaa Asmaraattii qophaa'e irratti fudhee deemee hunda gurgureen gale.
Guyyaa sana anaaf akkaan jannata galettin lakkaa'e. Suphee isa guddaa naaqfaa kuma sadiitiinan gurgure.
Hojii suphee kaan kan ani dhakaa gatii jabeessaan faayamteefi alaabaa Eritiraa ampuulii keessa kaahuuf fayyaddu immoo waajira pireezidantiifan kenne.

Nuti dubartoonni harki keenyi adda dha
Hojiin suphee biyyoo supheetiin gatii hojjetamuuf biyyoo argachuufi filachuun hojii isa dadhabsiisaa dha.
Dhoqqee suphee bukeessuun immoo humna guddaa barbaada. Qofaa koo ijaa hin dandeenyeef namni na gargaaru barbaachisa.
Bocaa fi bifa gabaan jaalachuu danda'uun ogummaa kee fayyadamtee bareechuunis immoo jabina gaafata.
Kana hunda hojjedhee supheen ibiddaafi aduu gahaa yoo hin arganneeefi biyyoonsaa isa sirrii yoo hin taane ni tarsa'a. Yeroos imimmaan baaseetan boo'a.
Kana booda egaa boolla namoota 20 qabachuu danda'u qoteen keessa galeetan ibidda qabsiisa. Ija kee aarri si gubaa, funyaan ukkaamamuufi fuulli kee immoo cilaatti uffachaa hojjetta.
Hojichi ulfaataa dha. Supheen ibiddaan guubatee bahee hangan argutti ciniinsuufi gidiraa dha.
Namni ogummaa suphee qabu gara-bal'eessa tahuu qaba, jaalattee yoo hojjettuu halkanis akkuma guyyaatti hojjechuu qabda.
Ogummaa kootiin gammadduu dha. Hojii kana keessa waggootii 14f tureera. Dur namni hojii kanaaf kabaja hin qabu ture 'maal dhoqqeef waliin' jedhu ture. Amma garuu namoota baayyeetu jireenya isaanii ittiin jijjiirrachaa jira.
Ana jalatti ijoolleen dubaraa 20 qacaramanii hojjetu, hojii keenya guyyuutiinis gammadoo dha.
Fakkeessuuf otoo hin taane nuti dubartoonni harki keenya adda dha. Manatti nyaata hojjennu, mucaa guddisnu, akkatti mana keenya qabannu hundi daawwitii ittiin of ilaallu dha.
Mana bulchuun waan salphaa miti. Kanarra dabartee dubartanii dubartiin ogummaa hin qabdu naan jennaan hin amanu.
Dubartoota hunda ogummaa keessan fayyadamatii gabaatti of baasaan jedha. Humnaafi ogummaa otoo qabduu dubartiin mana teesse jennaan dhibaawummaa dha.
Warri kaan immoo dubartoonni akka of baasaniif jajjabeessuunii qabu. Dubartoonni addunyaa walitti dhiyaatanii hojjennaan waanti hin geeddaramne hin jiru.

*Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.


















