Aljeeriyaan filannoo dura ministiroota mummee duraanii lama hiite

Madda suuraa, EPA
Manni murtii Aljeeriyaa ministiroota mummee duraanii lama yakka malaanmalatummaan hidhaa waggaa dheeraan adabe
Ahmad Ouyahia fi Abdulmalik Seellaal wal duraa duubaan waggaa 15fi 12 irratti murtaa'eera.
Isaanis aanga'oota oomisha konkolaataa keessa hojjattan irratti maallaqa burjaajessuun himataman.
Kunis eega Aljeeriyaan kolanii Faraansaayii jalaa bara 1962tti erga baateen booda ministirri mummee irratti himannaan yeroo banamu kun kan jalqabaati.
Isaan lameenis hiriyoota pireezidaantii duraanii Abdulaziiz Buuteflikaakan mormii hedduu booda ji'a Guraandhala keessa aangoo gad dhiisaniiti.
Mormitoonnis filannoo pireezidaantummaa dura biyyattii keessatti riiformiin akka jiraatuufi aanga'oonni mootummaa malaanmaltummaa keessatti hirmaatan seeraaf akka dhiyaatan gaafataa jiru.
Oyaahafi Seellaal namoota 19 burjaajii maallaqaan, aangoo seeran ala fayyadamuufi indaastirii oomisha konkolaataa keessatti waan isaaniif hin mallee fayyadamuun himannaan irratti banamee keessaa isaan lamaanidha.
Ministira Abdulsalaam Boochooreb bakka isaanii hin jiretti manni murtii hidhaa waggaa 20 irratti murteesseera. Gabaasaalee biyya alaa jiru jedhurraa kan ka'e ajajni hidhaa idil addunyaawaa baheera.
Shakkamaan ajajni hidhaan irratti bahe ol iyyannaa dhiheeffachuuf guyyoota kudhan qaba jechuun xiinxalaan Afriikaa Kaabaa BBC Ahimad Rooyub dubbata.
Taateen malaanmaltummaa kunis seektar konkolaataa bara 2014 hojiirra oole kan garee biyyoota alaafi korpooreshiinota Aljeeriyaa gurguddoo kan namoota obbo Buuteflikaatti dhihaatan jiddutti jiru akka miidhe AFP'n gabaaseera.
Murteen kunis filannoo pireezidaantummaa guyyoota lama dursuun dhufe. Kunis eega MM duraanii humnaan aango'oorraa kaafaman booda kan jalqabaati.
Xiinxalatoonni sirna dimookiraasii deeggaranis fedhii aangoo qabachuuf namoota walitti dhufeenya gaarii obbo Bouteflikaa waliin qaban qeeqaa jiru. Kanarraa kan ka'e filannichi akka hafu gaafataa jiru.













