Dhibeen Gifiraa addunyaarratti dabalaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2018'tti namootni 140,000 ola ta'an hedduun ammoo daa'imman sababa dhibee kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru jedhan qondaaltotni.
Dhibeen gifiraa addunyaarratti dabalaa kan jiru yoo ta'u, daa'imman ganna shanii gadii ammoo kanneen hedduu saaxilamanidha.
Ogeyyiin fayyaa dabalaa ademuun dhibee talaalliin ittifamuu danda'u kanaa gaddisiisaafi kan nama aarsuudhaa jedhu.
Bara 2000 irraa eegalee gama ittisaan fooyya'inni gaariin galmaahuu kan eegale ta'uus erga waggoota dhiyootii garuu daabi'ee ol ka'aa jira.
Bara darbe irraa eegalees UK, Albaaniyaa, Cheek Ripaablikiifi Griik beekamtii Gifira irraa bilisaa argatanii turan dhabaniiru.
Barri 2019 ammoo isa bara darbeerrayyuu hammaataa ta'uu ogeeyyiin fayyaa amanu.
Ameerikaan weera dhibe Gifiraa waggoota 25 keessatti isa hammaataadha jetteen keessummeessiteetti, weerarri kun Dimookraatiik Ripaablik Koongoo, Madagaaskaariifi Yuukreen keessattis hammaateera.
Biyyi Paasifkii Samo'aan ammo kanneen talaallii Gifira hin fudhanne manaa yoo bahan harkatti alabaa diimaa qabatanii akka socho'an labsii atattamaa labsiteetti. Kaayyoon isaa ogeeyyiin fayyaa salphaatti adda baasanii akka waldhaananiidha jedhameera.
Mallattoowwan dhibee kanaa keessaa ho'ii qamaa dabaluu, miirri fayyummaa namatti dhagaahamuu dhabuu, dhiitoo qaamaa fi qufaa fa'adha.
Gifirrii Vaayirasii attattamaan qilleensa keessa karaa qufaafi haxxissoo akkasumas tuttuqqaa kalattiin namaa namatti darba.
Miidhaa dhibee kanaa Lakkoofsaan
Akka dhaabbani Fayyaa Addunyaa tilmaameetti baroota darban namootani miiliyoonan lakkaawaman dhibee kanaan miidhamaniiru.
- Bara 2000- namootni miiliyoona 28.2 ta'an dhibee kanaan qabamanii, 535,600 kan ta'an du'aniiru.
- Bara 2017 -miiliyoona 7.6 kan ta'an qabamanii 124,000 kan ta'an du'aniiru
- Bara 2018- namootni miiliyoona 9.8 ta'an qabamanii 142,000 ta'an du'aniiru.
Hooganaan dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanoom ''dhibee talaalliin ittisuun danda'amun daa'imman du'aa jiraachuun isaanii nama aarsa daa'mman saaxiamoo ta'an baraaruurratti hanqina waloon qabnus agarsiisa'' jedhaniiru.














