Rifarandamii Sidaamaa: 'Guyyaan kun aarsaa guddaan dhufe' Kantiibaa magaalaa Hawaasaa

Madda suuraa, Komunikeshinii Magaalaa Hawwaasaa
Filannoo Rifarandamii naannoo tahuu saba Sidaamaa irratti har'a bahanii filachuu isaaniin gammachuu guddaan akka itti dhagahame Kantiibaan magaalaa Hawaasaa Obbo Xiratuu Bayyanaa BBCtti himan.
Sagalee kennuun kun ganama kana kan eegale. Namootni gariin halkan deemuun hiriira kan qabatan yoo tahu kanneen bakka buufata sagalee itti kennan deemanii bulanis akka jiran odeeffannneerra.
Magaalaa Hawwaasaa keessattis jiraattonni bahanii hiriira eeguun sagalee kennaa akka jiran himanii, rakkoon nageenyaa tokkollee akka hin jirres himaniiru.
Waggoota dheeraaf gaaffii ofiin of bulchuu gaafachuun aarsaa guddaa itti kaffaluun waan guyyaa har'aa kana arganiif saba Sidaamaaf guyyaa addaati jedhan Obbo Xiratuun.
''Ani akka dhalataa saba Sidaamaa tokkootti sagalee koo kenneera.
Akka nama dhuunfaatti akka nama itti gaafatamummaa qabu tokkootti yeroo lammiileen bilisaan mirgi isaanii eegameefii gaaffii gaafataniif deebii argatanii haala kanaan hojiirra oolu hedduu na gammachiisa.''
Obbo Xiratuun yeroo gaaffiin ummataa deebii argatu gaggeessaan bilisa tahe hin gammadiin hafu jira jedhee hin yaadu jedhan.
Hoggansaafi miira sagalee kennuu
Magaalaa Hawwaasaa keessa sabaafi sablamootni hedduutu jiraatu. Haatahu malee, filannoo kana kanneen fudhatan akkuma jiran kanneen mormanis akka jiran kanaan dura ibsamaa ture.
Akka bulchaa sabaafi sablammoota kanneeniitti miira keessaniifi filannoo kana akkamiin araarsitan? jennee Obbo Xiratuu gaafannee, akkuma lammii tokkootti anis mirgan qabutti fayyadameen sagalee koo kenne jedhan.

Ofii isaaniis dhalataa saba Sidaamaa akka tahan himanii, kun guyyaa seenaa qabeessadha jedhan.
Dabalataan gaaffiin kun kan kanaan dura ture waan taheef waan haaraan uumamu hin jiru jedhanii, jiraattota magaalittiii waliin akkuma kanaan duraa karaa nagaa taheen hojii misoomaa keenya itti fufna jechuun ibsan.
Haatahu malee, gaaffiin naannoo tahuu saba Sidaamaa deebi'e jechuun magaalittiin ummata Sidaamaan qofa misoomti jechuu miti jedhanii haaluma kanaan duraan itti fufa jedhan.
Filannoo rifarandamii kanaaf ummatni miliyoona lamaa ol kan galmaa'an yoo tahu, filannoon har'a ganama sa'a 12tti eegalame galgala sa'a 12:00 irratti kan cufama jedhamee eegama.
Bu'aan filannichaas bor ykn guyyota muraasa keessatti akka ibsamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibsee ture.
Ummatni Sidaamaan naannoo tahuuf sagalee caalmaan kan filatan yoo tahe naannoo 10ffaa tahuun galmaa'uu isaati.

Bu'aa filannichaan boodas akka naannootti ijaaruuf haalotni barbaachisan qophaa'aniiru kan jedhan kantiibaan magaalaa Hawwaasaa Obbo Xiratuun, akka ilaallutti yoo tahe bu'aan filannichaas garuma naannoo tahuutti kan akeeku tahuu mala jedhan.
















