Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Awustiraaliyaa shaakala tapha buunyaa booda lubbuun dabarte
Lammiin Awustiraaliyaa dargaggeessi umurii waggaa 27 tapha buunyaatiin beekamu Diwayit Riichii shaakala booda lubbuunsaa dabarte.
Dargaggeessi tapha buunyaatiin beekamu kun abbaa ijoollee sadii yoo ta'u magaalaa Melbarni keessatti shaakala hojjechaa ture.
Sababi du'uu taphataa buunyaa kun sirriitti beekamuu baatullee erga shaakala godhee booda guyyoota muraasa keessatti lubbuunsaa darbeera.
Wayita shaakalarra turetti rakkoon hammaataan mudachuusaas wanti dubbatame hin jiru.
Torban muraasa dura lammiin Ameerikaa tapha buunyaan beekamu Taatriik Deey dorgommiirratti miirra irra ga'een lubbuunsaa darbeera.
Paatriik Deey dorgommiirratti mataasaarra miidhaan erga ga'ee booda guyyaa afuriif of wal'aalee isa booda lubbuunsaa darbe.
''Akka hiriyaasaa tokkotti oduu du'aan boqochuu Diwayit Riichii dhagahuun baay'ee ulfaataa ture'' jechuun feesbuukiisaarratti barreesseera hiriyaansaa Jeek Eliyaas.
Du'uun taphataa buunyaa Diwayit Riichii lammiilee Awustiraaliyaa hedduu rifaasise. Miidiyaa hawaasummaaarrattis hedduunsaanii gadda ibsachaa jiru.