Kamaaruu Usmaan: Shaampiyoonaa Afrikaa Maarshaal Aartii nama jalqabaa tahe

Kamaaruu Usmaan lammii Afrikaa Shaampiyoonaa dorgommii xumuraa fi isa olanaanaa maarshaal Aartii mo'ate tahe.

Dorgommii MMA jechuun Maarshaal Aartii Makaa jedhamuun beekamu irratti Kamaaruu Usmaan shaampiyoonaa lammii Ameerikaa yeroo dheeraa kan ture Tiiroon Wuudilii mo'ate.

Dorgomaan kun ''abjuu halkanii Naayijeeriyaa'' Nigerian nightmare] jedhamuun beekama. Dorgommiin shaampiyoonshiippii dorgommii Maarshaal Aartii keessatti isa olaanaa fi isa xumuraati.

Dorgomtootni aartiiwwan kanneen akka buunyaa,dhiitichoo, kaaraatee, wal'aansoo fi kanneen biroos kan of keessatti makatee holga octagonal cage tahe keessatti gaggeefamudha.

Usmaan nama ganna 31 yoo tahu shaampiyoonaa waggaa dheeraa kan tahe Wuudilii injifateera.

Dorgommii gaggeessaa ture keessatti yeroo 14'f walitti aansee kan mo'ate yoo tahu rikardii shaampinshippii Maarshaal Aartii qabate kanas itti fufsiiseera.

Dorgommichaan booda yeroo yaada isaa gaazexeessitootaaf kennu miilli isaa cabee kophee gargaartuudhaan torbaniif akka deemaa ture dubbate.

Dubbii afaan Arabiffaan jalqabee gara afaan Pijiniitti deebise irratti ''lammiilee Naayijeeriyaatti dubbadheera, hojjechuu qabna jedhee, gonkumaa hin kufnu jedheen ture har'a immoo kunoo hojjenneera'' jedhe.

Usmaan Naayijeeritaatti kan dhalate yoo tahu magaalaa Beeniin irraa ijoollumaan ture maatii isaa waliin gara magaalaa Arliingitan Teksaasitti kan imale.

Waggoota 23 boodas maqaa masoo isaa Nigerian night mare jedhamu kanaan waamuu mirkaneessera.

Kanaan duras agarsiisa Tv irratti dorgommii buunyaa kana kan mo'ate yoo tahu yeroo mana barumsaa sadarkaa lamaffaa jiru ture kan wal'aansoo jalqabe.

''Adeemsuma yeroo keessan jijjire, nama wal'aansoo ykn dorgomaa cimaa tahuuf illee hin turre, garuu dorgomaa tahee waan ittiin jiraadhuufi maatii koo jiraachisu argachuuf ture'' jedhe.

Erga dorgommiin Shaampiyoonshiippii beekamtii guddaa argatee atiltettonni hedduun akkuma isaa dorgommii kaan irraa akkasuma jijjiranii gara shaampiyoonshiippii kana dhufaniiru.

Dorgommichi immoo Jalqaba bara 2001 ture obboloota Fertita jedhamaniin $2mln kan bitame booda bara 2016 ammoo $bln 4'n akka gurgurame barruun Foorbes gabaasetti