Awustraaliyaa: Gareen kubbaa miilaa dubartoota miindaa kan warra dhirotaa waliin walqixa argachuuf

Taphatonni kubbaa miilla dubartii Awustraliyaa

Madda suuraa, Getty Images

Gareen kubbaa millaa dubartoota Awustraaliyaa, Matildaas jedhamuun beekaman, mindaafi faayidaaleen biroo hedduu kan garee dhiirotaa waliin walqixa akka argatan taasisu waligaltee seenaa qabeessa mallatteessan.

Kana jechuun taphattonni dubaraafi dhiiraa ciccimoon kaffaltii miindaa walqixa argatu jechuudha jedha Waldaan Kubbaa Miilla Awustraliyaa (FFA).

Garuu taphoota isaani irratti badhaasi maallaqaa irra caaluu waan dhiyaatuuf dhiirooti ammalle irra caalaa ni argatu.

Gareen kubbaa millaa dubartii Awustraaliyaa ykn Matildaa ammatti addunyaarra sadarkaa 8ffaa irratti yeroo argaman gareen kubbaa millaa dhiiraa Awustraaliyaa ykn Sokkeroos ammoo sadarkaa 44 irratti argamu.

"Kun garaagarummaa mindaa korniiyaa jidduu jiru furuuf Sokkeroosiifi Matildaas jidduu jiru furuu irratti tarkaanfii guddaadha," jedhu hogganaan FFA Deevid Gaalop

Waliigaltee kana irratti, gartuun lamaanuu galii daldala walqixa, kan akka beeksisaa ni argatu, akkasumas taphatonni gatii walqixaan ni madaalamu.

Dabalannis Matildaas haalawwan leenjii walfakkaataafi bu'aalee biraa kan akka imala xiyyaaraa irratti kutaa olaanaa kan warri Sokkeroos amma fayyadaman ni argatu.

Garaagarummaan mindaa korniiyaa jidduu jiru Adoolessa Wancaa Kubba Miilaa dubartoota Addunyaa booda marii guddaa kaasee ture.

Awustraliyaan taphatoota dubaraafi dhiraaf kaffaltii walqixaa kennuun Niw Zilaandiifi Norweeyitti makamtetti.