ODP: 'Tokkummaan keessoofi rifoormiin Paartichaa ajandaa ijoodha'

Madda suuraa, OPD facebook
Koreeen Gidduugaleessaa ODP yaa'ii isaa idilee Finfinneetti taa'aa akka jiru midiyaan biyya keessaa gaabseera.
Itti Gaafatamaan Waajjira ODP Giddu Galeessaa, Obbo Addisuu Araggaa mariin kunis dhimma tokkummaa keessoo fi rifoormii Paartichaa ajandaa ijoo akka ta'e dubbataniiru.
Koreen kun raawwii akka paartii fi akka mootummaatti ture qorachuun hanqinaalee fi ciminoota jiran irraatti marii'atee kallatti ni kaa'a jedhameera.
Dhimmoota Jijjiirama akka biyyatti adeemaa jirutti danqaa ta'anis adda baasuun kallaattiin ni kaa'ama jedhameera.
Torbanoota darban dhimma paartii haaraa MM Abiy adda durumaan akka ijaaramu irratti hojjechaa jiran iratti mariin gaggeefamaa ture falmisiisaa akka tu'e haasa'amaa ture.
Dhimmi paartii haaraa kuniifi waayeen bulchaa Magaala Finfinnee haara'aa mudamuuf jedhus ni ka'a jedhamee eegama.
Haaluma walfakkaatunis miseensoonni koree jiddugala OPD kunneen, MM Abiya badhaasa Noobeelii nagaa argachusaaniitti gammaduun kennaa gumaachaniifiiru.
Dura taa'aan itti aanaa OPD fi Ministira Raayyaa ittisaa Obbo Lammaa Magarsaa haasaa taasisaniin, badhaasni MM argatana kan ummata Oromoofi Itoophiyaa guutuutti jedhaniiru.
Itti dabaluunis badhaasni kun akka biyyatti ahrkaa hinbaaneef cimanii hojjachuun barbaachisaa ta'us dubbataniiru.














