Burkinaa Faasootti haleellaa Masjiidaan namoonni 15 lubbuu dhaban

Soldiers in the nearby town of Gorom-Gorom

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellichaan booda naannichatti raayyaan waraanaa bobba'eera

Kaaba Burkinaa Faasootti haleellaa masjiidarra gaheen yoo xiqqaate namoonni 15 wayita ajjeefaman, lama ammoo miidhaa cimaan irra gaheera.

Namoonni qawwee hidhatan Masjiida 'Grand Mosque' jedhamu mandara Saalmoosii keessatti argamutti, Jimaata galgala namoonni wayita salaataa turanitti ol itti galan.

Haleellichaan boodas jiraattonni naannichaa lubbuu isaaniif sodaachuun qe'ee isaanirraa baqataniiru- mandarri kun ka argamtu qarqara daangaa Maaliitti.

Biyyattiitti waggoota muraasa dabran keessatti namoonni dhibbatti lakka'aman, gareewwan jihaadistootaan ajjeefamaniiru.

Jiraataan qe'ee ollaa ka taate Gorom-Gorom AFPtti waan hime: ''Ganama kanaa eegalee, namoonni naannicha keessaa baqatanii bahaa jiru.''

Dabaluunis ''raayyaan waraanaa naannichatti bobba'us'' ammallee sodaan guddaa akka jiru dubbateera.

Gareen haga yoonaa haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhate hinjiru.

ALA 2015 irraa eegalee Burkinaa Faasootti haleellaan jihaadistootaa dabalaa jira. Kanaanis manneen barnootaa kumaatama tahan cufamaniiru.

Waldhabdeen daangaa Maaliirraa gara biyyattiitti kan ce'e erga milishoonni Islaamummaa leellisan kaaba biyyattii 2012tti erga to'atanii booda.

Ergasii waraanni Firaans naannicha keessaa baaseera.

Ejansiin Baaqattootaa UN akka jedhutti, Burkinaa Faasootti ji'oota sadan dabran keessa namoonni miiliyoona ruubii tahan (250,000) qe'eesaaniirraa godaananiiru.

Map

Torban dabre kaaba biyyattii, iddoo warqee itti baasanitti namoonni 20 ajjeeffamaniiru.

Gaafa Sambataa namoonni 1,000 ta'an magaalaa guddoo biyyattii Ogaaduuguutti bahuun mormii dhageessisaa oolan.

Sababni mormii isaanis jeequmsa biyyattii keessa jiru balaaleeffachuu fi humnoonni waraanaa biyyoota alaa naannicha keessaa akka bahanif.