Giriikii: Balaan ibiddaa kaampii baqattootaa Mooriyaa keessatti mudateen baqattoonni hiriira bahan

Kaampii baqattootaa Giriiki odola Leesboositti argamu keessatti balaa ibiddaa dhaqabeen yoo xiqqaate lubbuun nama tokkoo darbeera jedhan qondaaltoonni.

Akka qondaltoonni jedhanitti qaamni namaa gubatee kaampii Mooriyaa keessatti argamu. Gabaasni hin qulqulluufne tokko akka ibsutti daa'imni miidhame biraas akka jiru himu.

Poolisiin baqaattoota hiriira namoonni balaa ibiddaa ittisan dafanii dhaamsuu didan jedhanii hiriira bahan irratti gaazii imimaanneessu dhukaasaa tureera.

Kaampichi namoota 12,000 ta'an koonteenarii keessa qubatan qaba jedhameera.

Ta'us garuu namoota 3,000 ta'an kan qabachuu danda'u. Kunis ammoo rakkinnichi akka hammaatu godheera.

Bara 2018 ejeensiin baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii ega gaazexeessituun BBC Viiktooriyaa Derbiishiree gabaasa haala baqattoonni Giriikii irra jiran gabaastee booda kolu-galtoonni Leesboos keessaa akka baafaman godheera.

Giriikii yeroo dhihoo as biyya ollaa kan taate Turkiirraa baay'inaan baqattoonni seenaa jiru.

Bara 2015'tti waraana Siiriyaa miliquu jecha baqattoonni miiliyoona tokko ta'an daangaa Turkii cee'anii Giriiki seenaniiru.