Iraan haleelamuu buufata boba'aa Sa'uudii booda himannaa irratti dhiyaate haalte

Madda suuraa, AFP
Iraan ibsa gaggeesitotni Jarman, Firansi fi UK waliin tahuun haleellaa boba'aa Sawudii Iraantu haleele jechuun baasan hin fudhanne.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan ''himannaa dogogoraa Ameerikaan Iraan irratti dhiyeessite sirriidha jechaa jiru'' jechuun deebisanii isaan komatan.
Gaggeesitootni Awurooppaa kunneen haleellaa bakka oomisha boba'aa sawudii irratti raawwatee gartokkee oomisha boba'aa ishee cufsiise ilaalchisee kana caalaa ibsi ifaa tahe hin jiru jedhan.
Haa tahu malee waliigaltee gabbisa niwukileeraa bara 2015 Iraan ilaalchisee galame akka kabajan ibsaniiru.
Haleellaa Bakka oomisha Sawudii irratti raawwate kana gareen Hawutii Yemen keessa socho'anii fi Iraniin deeggaraman akka raawwatan ibsaniiru.
Ta'us Iraan harka keessaa hin qabu jechaa jirti.
Diroonii ykn xiyyaarota nam-maleeyyii 18 fi misaa'elootni fageenya dheeraa deeman torba bakka oomishaa fi calallii boba'aa Sawudii gaafa Fulbaana 14 haleelaan.
Sawud Arabaiyaan haleellichaaf Iraan himatte. Ameerikaan ammoo loltoota hedduu gara Sawudiitti ergaa jirti.
Emaanu'eel Maakroon, Booris Joonsanii fi Angeelaa Merkel kun ifadha, Iraan haleellichaaf itti gaafatamummaa isaa fudhatti jedhan. Qorannoo gaggeeffamaa jirus ni deeggara jechuun ibsa baasan.
Amma Iraan marii gabbisa niwukileeraa yeroo dheeraa fi nageenya naannichaa akka simattuuf yerootu dhufe jedhan ibsa baasan keessatti.
Erga Doonaaldi Tiraampi waliigaltee gabbisa niwukileeraa bara 2015 keessaa bahuun Iraan irra qoqqobbii kaa'aniin as waldhabdeen biyyoota lameenii hammaataa dhufeera.
Iraan waliigaltee niwukileeraa haraatti galuu akka hin barbaadnes himaniiru. Ministirri Muummee UK pirezidaantii Iraan Hasan Ruhaani waliin mari'achs barbaadu.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Mohaammad Jaavaad Sharif haleellaa gidduugala boba'aa Sawudii ilaalchisee waraanaan deebisuuf kan yaalamu yoo tahe takaanfii hadhaawaa of irraa deebisuu nuyis ni fudhanna jedhan.














