UAE: ''Doonii boba'aa baatte aleelamte duuba qaama mootummaan erge jira''

Dooniin Noorwey qarqara UAE dhaabatu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Dooniin Noorwey 'Andrea Victory' jedhamu balaa kanaan kanan manca'e

Gamtaan Imireetota Arabaa (UAE) mana maree tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti qaamni mootummaa bakka bu'ee dooni boba'a baatu afur aleele jiraachu himatte.

Caamsaa 12 aleelaan raawwatamee qinda'aa ture jedha gabaasichi.

UAE'n eenyutu aleella kana duuba jira isa jedhu garuu ifatti hin himne dooniwwan Sa'uud Arabiyaa fi Noorweey irratti qiyyaafachuu beeksifte.

Ameerikaan garuu Iraanitu aleellaa kana raawwate jechuun himattus,Teheeraan haaluun maddiitti 'haa qoratamuu' jette.

Daangaa bishaanii UAE keessatti ,baha Imireet Fujariyaa ulaa Harmuziin alaatti aleellaan kun raawwatame.

Anga'oonni biyyattti dooniwwan afur qiyyaafannoo keessa turanii jedhan. Namni madaa'ee garuu hin turre,dooniwwan Sa'uud Arabiyaan lama manca'iinsi cimaan irra qaqqabuu ibsite.

Gorsaan dhimmaa tasgabbii Ameerikaa Joon Booltan ''kuni ifaadha aleellaa kana duuba Iraanumatu jiraa'' jedhan. Ameerikaan aleellaan kun duula miichuuwwanii fi Ameerikaarratti akka qiyyeefaatetti ilaalti.

Ministeerri dantaa alaa Iraan garuu 'himannaa bu'uura' hin qabnee jedheen.

Maal haaraadha

Qo'annoon UAE aleellaa cimaa gamnummaan qindaa'ee mul'ise. Qo'annichaaf ogeeyyii bidiruu saffisoo beekanitu barbaachise.

Warri bidiruu kana hoofan dooniiwwaan boba'aa baatan dhuka'aa xiqqaan akka miidhaan malee guutummaattii hin mancaa'asne.