Nama farra summii barbaacha yeroo 200 ol bofaan hiddame

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa waggaadhaan namoonni miiliyoona 3.4 bofaan hiddamu. Kanneen keessaa 138,000 summii bofaatiin du'u.
Farra summii bofaa argachuuf namichi Ameerikaa keessatti Konkolaataa gurguddaa oofaa ture bofa of hiddisiisaa ture.
Hanga ammaatti yeroo 200 ol bofaan hiddameera. Yeroo 700 ol ammoo summii bofaatiin of hakkameera.
Guyyaan of eeggannoo summii bofaarratti hubannoo uumuu sadarkaa idil-addunyaatti Fulbaana 19 kabajama.
Guyyaa kana ilaalchisuun BBCn gaaffii fi deebii nama kana waliin taasiseera.
Wayita saayintistoonni waa'ee summii bofaa qoratan kana dhiisanitti inni maaliif bofaan hiddamuu filate kan jedhurratti yaada kenneera.
Qorannoon akka mul'isutti daqiiqaa shan shaniin namni tokko bofaan hiddamee du'a, namoonni afur ammoo qaama hir'uu ta'u.
Kana qolachuuf namoonni jireenya isaanii aarsaa gochuun reppitaayilii balaafamaa kanaan nyaataman garuu jiru.
Ameerikaa kutaa biyyaa Wisconsin kan jiraatu Tim Friede,farra summii bofaa barbaacha wayita bofaan hiddamu viidiyoo agarsiisu YouTube irratti fe'eera.
Battala dhukkubbii

Madda suuraa, Getty Images
Sanyii bofaa 'namba' jedhamu kan of hiddisiisu Tim Friede battala sana dhukkubbii hamaan akka itti dhagahamu dubbata.
Bofi kun al tokko wayita nama hiddu akka waan kanniisi 1,000 nama hiddeetti nama dhukkuba jedha.
Kanniisi summii miiligiraama tokko ykn lama caala namatti hin gadhiisu, kan bofa kanaa garuu altokkoon summii miiligiraama 300 hanga 500 namatti naqa jedha.
Balaafamaa fi aad-malee

Madda suuraa, Getty Images
Ogeeyyiin fayyaa hojiin nama kanaa balaaf kan isa saaxiluu fi seera ogummaa fayyaatiin kan hin deggeramneedha jechuun qeequ.
"Waan namni kun hojjetu nuuf galuu hin dandeenye. Hojii balaafamaa fi aad-maleedha. Nuti nama akkanaa waliin hin hojjennu,'' jedhan Mana barnootaa Fayyaa Liverpool irraa Dr Stuart Ainsworth.
Dhaabbata dawaa farra summii bofaa qoratuu qaba Tim Friede.
yeroo baay'ee qorichi haaraan hantuuta irratti laabraatoorii keessatti yaalama, erga dawaan sun naga qabeessummmaansaa mirkanaa'eef dhala namaaf kennama.
''Kan nama kanaa garuu waan addaati. Shakkii tokko malee du'aaf kan nama saaxiluudha. Eenyuyyuu yaaluu kan hin qabneedha,'' jedhan Dr Ainsworth.
Garuu akkuma addunyaatti farra summii bofaa argachuuf akkaataa qorannoon itti geggeeffamurratti seerri taa'e hin jiru.
Hojii balaa hamaa qabu
Namni kun miidiyaa hawaasummaarratti hordoftoota baay'ifachuuf jireenyasaa aarsaa godhaa jira jechuun isa namoonni qeeqan haleera Tim Friede.
''YouTube irratti viidiyoo fe'uu kaayyeffadhee miti kanan hojjedhu. Lubbuu namootaa baraaruun barbaada. Jijjiirama fiduun barbaada. Doktaroonni an waliin hojjechaa jiru akka hojii koo ilaalaniifan YouTube fayyadamaa ture. Tapha fakkaata. Garuu hojjeteera,'' jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Sanyiiwwan 3,000 jiran keessaa summii balaafamaa nama galaafatu kan qaban sanyiiwwan 200, isaan kunneen itti dhiyeenyaan beeka Tim Friede.
Sanyiiwwan bofaa 'Cobra', 'Viper' yookiin 'Namba' jedhamaniin waggoota 20n darban keessatti yeroo 200 ol hiddameera Friede, yeroo 700 ol ammoo summii bofaa of waraaneera.
Wayita bofi nu hiddu hammi summii bofaa qaama keenyatti faca'uu wal caaluu danda'a.
Yeroo tokko tokko bofi nama hiddee summii isaa guutummaatti namatti facaasuu dhisuu danda'a.
"Qaamni kee summii bofaa hin dandamatu yoo ta'e sirni narvii kee gara alaa jiru miidhamuu danda'a. Diyaafiramiin kee ni dadhaba. Harganuu hin dandeessu jechuudha. Iji kee ni cufama. Dubbachuus hin dandeessu. Suuta of dadhabdee gara lafaatti kufta. Ni laamshofta. Garuu sirna narvii giddu galeessaa hin miidhu. Kanaafuu hanga lubbuun kee baatutti yaaduu dandeessa.
Summiin Cobra baay'ee hamaadha
Firede sanyiiwwan bofaa irruma caalaa summii hamaa baataniin hiddamuuf fedhiin qabu dabalaa dhufe. Wayita isaan nama hiddan dhukkubbii ofirratti shaakaluun kaayyoo isaati.

Madda suuraa, Getty Images
"Gosa bofaa 'Cobra' kanan Afriikaa irraa fidadhe qaba. Wayita nama hiddan baay'ee hamaadha. Baay'ee nama sodaachisa''
Gosi bofaa 'Water cobra' jedhamu summaawaadha, seeliiwwan narvii akkaan miidha.
Tim Friede amma garee uummateera, doktoroota waliinis hojjechuu eegaleera.
Doktaroota summii bofaa qorataniin qeeqamullee amman kaayyookoo bira ga'utti hin dhiisu jedha.
Sanyiiwwan bofaa hundaan hiddamee adda baafachuu akka barbaadus dubbateera.












