Casey Viner: Qoosaan daa'immanii lubbuu namaa galaafate

Poolisoonni asitti dhukaasa banan

Madda suuraa, Wichita Police

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoonni asitti dhukaasa banan

Daa'imni Ameerikaa qoosaaf jedhee poolisii hatattamaan waamuun akka lubbuun nama nagaa badu godhe hidhaa ji'a 15tiin adabame.

Namni umrii waggaa 19 Casey Viner jiraataa magaalaa Ohio yoo ta'u hiriyaasaa waliin akka waan balaan tasaa mudatee fakkeessanii poolisiitti bilbiluun waaman.

Hiriyaan Casey Viner, Tyler Bariss toora bilbilaa poolisii Ameerikaa 911 irratti bilbiluun maatiisaa ugguree jiraachuu itti hime.

Bariss kana kan godhe bara 2017 ture, akka waan mana isaaniitti waamee fakkeessee iddoo biraatti waame.

Akka waan abbaasaa ajjeesee, maatiisaa warra kaan ugguree jiruutti poolisiitti bilbile.

Poolisiin garuu wayita hatattamaan dhufan abbaa ijoollee lama kan ta'e Andrew Finch ajjeesan.

Namni kun waan uumame kana homaa quba hin qabu, garuu poolisoonni bilbilaan achitti waan waamamaniif ajjeesaniiru.

Ijoolleen lameen erga tapha meeshaa waraanaan interneetiidhaan taphatamu 'Call of Duty' jedhamu hiriyaa isaanii Shane Gaskill waliin taphatanii booda gara poolisiitti bilbiluusaanii amananiiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Bariss baruma kana keessa waggaa digdamaaf akka hidhamee taa'u itti murtaa'ee ture.

Viner Mana murtii keessatti shira xaxamee fi adeemsa hojii mana murtiirraan dhiibbaa ga'eera jedhamuun isa himatameef mormaa ture.

Adabbii kana booda waggoota lamaaf tapha 'game' akka hin taphanne ni ittifama.

Waan mudateef dhiifama kan gaafate Viner itti yaadee akka hin taane dubbate.

Yakkoota 51n kan himatamee jiru Tayler Bariss

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yakkoota 51n kan himatamee jiru Tayler Bariss