Haleellaan Teksaasitti qaqqabe 'yakka jibbinsarraa ka'e ta'uu hin oolu'

Haleellaa kanaan namoota 20 ajjeefamaniin ala 27 mada'aaniiru

Madda suuraa, Reuters

Dhukaasni wiirtuu gabaa Wal-Mart magaalaa US kutaa Teksaas keessatti lubbuu namoota 20 galaafate yakka jibbinsarraa ka'e ta'uu mala jedhan aanga'oonni.

Sanbata darbe dargaggeessi adii umuriin isaa ganna 21 ta'e man-kuusaa wiirtuu gabaa Walmart haleellaa kanaan walqabatee to'annaa jala oolfamee ture. Man-kuusni kunis magaalaa EL Paso kan daangaa US-Meksiikootti dhiyootti argamudha.

Ragaan osoo haleellaan sun hin qaqqabiin yeroo muraasa dursee maxxanfameefi namicha kanaan barreefame jedhamee amanamu tokko, ol-aantummaa warra adii kan leellisuufi ilaalcha sanyummaa kan qabu ture.

Barreeffamni sun halleellaa sanaan deebii ''warra Hisbaaniik Teksaasiin weeraraniif" jedha ture.

Namichi kun naannoo Dalaas, bakka Alleen jedhamtu jiraata. Bakki inni jiraatu kunis El Paso bakka haleellaa itti raawwaterraa gara bahaatti 1,046km fagaata jedhan poolisoonni wayita ammallee isa qorataa jiran kanatti.

Garuu yoomirraa kaasee akka gara magaalaa kanaa akka dhufe ifa miti.

Aanga'oonni halleellaa namoota 20 ajjeesee 26 ammoo madeesse kanaaf kan sababa ta'e waan ifa ta'e hin kenniin jiru.

Garuu hogganaan poolisii El Paso Gireeg Alleen akka jedhetti qorattoonni ragaa tarii "yakka jibbinsa sanyiirraa ka'e waliin walitti dhufeenya qabaachuu mala" akeekuu danda'u jechuun qorachaa jiru.

Namichi gara barreeffama '8chan' jedhamuutti maxxanfametti agarsiisa. '8chan' gabatee ergaa toora interneetiirratti namoonni warri sanyummaa leellisan baayyinaan fayyadamanidha.

Barreeffamni fuula afurii kun osoo waamichi birmachuu poolisii hin qaqqabiin daqiiqaawwan 20 maxxanfaman.

Suura abbaa qawwee yeroo dhukaasaa jirutti viidiyoo poolisiin waraabeerraa

Barreeffamichi namicha hidhataa qawweedhaan Bitootessa keessa Niiwu Ziilaand Kiraayist Charchii keessatti namoota 51 ajjeese akka deggerullee ni agarsiisa.

Namichi miidiyaalee US tiin maqaan isaa Paatiriik Kiruusiyuus jedhame kun dhukaasa walirraa hin cinne banuu erga halleellaa qaqqabsiisee booda poolisoota isa dura dhaabbatanii falmaa turanittti harka kennateera jedh poolisiin.

"Akka ajjeechaa gara jabiinaa raawwateefi akka jibba sanyummaattis cimsinee qorachuun seeratti dhiyeessina.

Kan godhamuu qabus kanadha," jechuun ripoorterootati hime bulchaan Teksaas Gireeg Aboot.

"Seenaa kutaa biyyattii keessatti guyyaa ajjeechaan ta'ee hin beekne itti ta'edha," jedhe.

Haleellicha

Dhukaasni gaggeeffame sun seenaa US keessatti ajjeechaa sadarkaa saddetteffaarra jiru ta'eera. Ajjeechaan kun magaalaa baayyina ummataa 680,000 keessaa garri caalan achii-dhufteen isaanii Hispaanishoota ta'anidha.

Namoonni miidhaan irra ga'e eenyu akka ta'an hanga ammaa maqaan hin himamne garuu Pirezedaantiin Meksiikoo Maanu'eel Loopez Obraadoor akka jedhetti warra du'an keessaa sadii lammilee Meksiikoodha.

Akka suuraan kaameeraarra argaman agarsisanitti namichi hidhannoo kan qabuufi T-shartii gurraacha uffatee ture. Ija isaarrattis manaxxarii godhatee gurra isaarratti ammoo waan balaa irraa ittisu uffateera.

Gabaasni akka dhukaasni jiru kan qaqqabe akka sa'atii naannootti 10:39 irratti yommuu ta'u qondaaltonni seera kabachiisan daqiiqaa ja'a keessatti bakka sana ga'an jedhe Obbo Alleen.

Wiirtuun gabaa Walmart dhukaasni keessatti baname kun sa'atii sanatti namoota meeshaa barnootaaf bitachaa turan hedduun guutamee ture.

Akka namoonni ijaan argan dhugaa ba'anitti bakki sun yeroo maamiltoonni lubbuu isaanii baafachuuf fiiganitti akka hin jirre ta'e.

"Namoonni dhukaasatu jira jechaa arganaa fiigaa turan. Ulaa argatanii fiigaa turan, kaan ammo lafarratti kan kukkufanis turan," jechuun Ki'annaa Loong Reuters'tti himteetti.

Aadde Ki'annaan akka jettutti, isheefi abbaan manaa ishee karaa kutaa kuusaa meeshaa osoo maamiltoota hedduun hin cufatiin ba'an.

Haleellaan wiirtuu gabaa kun akkuma qaqqabeen osoo hin turiin Ohaayoo Daayitenitti dhukaasni jumlaa gaggeefame.

Kunis dhukaasa guyyaa ja'a dura Kaalifoorniyaa, Ayyaana Nyaataa irratti gurbaan ol-adeemaa hidhate baneen namoonni sadii erga du'an booda qaqqabe.

Maaltu jedhame?

Pirezedaant Tiraamp, "jibbinsi biyya kana keessatti bakka hin qabu' jedhan.

Pirezedaantiin US Doonaald Tiraamp, haleellaa kana "gocha dadhabootaadha" jechuun tiwiitera irratti barreesan: "Ani gocha jibbinsaa har'a raawwatame kana abaaruudhaaf nama biyya kanaa kamiinuu waliin akkan dhaabbadhu nan beeka.

Pirezedaant Tiraamp, "jibbinsi biyya kana keessatti bakka hin qabu. Kanaaf, waanta kana xiyyeeffannoo addaan ilaaluu qabna. Wanti akkasii kun biyya keenya keessatti waggoota baayyee dheeraaf adeemsifamaa jira waan ta'eef amma akka dhaabbatu gochuu qabna," jedhan.

Namoota nagaa ajjeessuu sababiin ykn dhiifamni kennamuuf takkallee hin jiru."

Kaadhimaa pirezedaantummaa warra Dimokiraatotaa kan ta'eefi kan El Paso irraa dhufe Beto O'Rourke duula na filadhaa Laasveegaasitti gaggeeffachuuf ture dhiisee manatti deebiye.

Fooramii warra dafqaan bulaa irratti haleellaan kun yaada rifoormii dhimma qawwee ilaalchisee jiru kan raaseefi US keessatti "akka yeroodhuma isaatti kan hunduu irratti waliigalu" ta'aa jira.

Senaatariin New Jersey Senator Cory Booker kaadhimamaa pirezedaantummaa warra Dimokiraatikii kan biraadha.

US "amma yaada [dhukaasawwan] kunneen kan dhaabbataadhaan gaggeefaman akka ta'etti fudhachaa jirti."

Bakka buutuun warra Dimokiraatotaa El Paso Veronica Escobar, New York Times'tti akka himtetti haleellichi "waa'ee jibbinsaadha".

Dhukaasni gaggeefame kun US keessatti to'annaa qawweetiif waamichi haaraan akka gaggeeffamu taasise.