Naannoon Tigiraay 'Roadmap' barnoota sadarkaa 1ffaa hin fudhadhu jedhe

Mootummaan Naannoon Tigiraay Roadmap' barnoota sadarkaa tokkooffaa akka haaratti dhiyaate hin fudhadhu jette.
Roodmaappii barnoota haaraa ministeerri barnootaa qopheesse keessatti barnoota Afaan Amaariffaa kutaa tokkorraa kaasanii barsiisuun sirrii miti jechuun Biiroon Barnoota Naannoo Tigiraay ibsa baaseen beeksiseera.
Biirichi ibsa isaa kanaan qorumsa kutaa 8ffaa kan biyyaaleessaa gochuunis aangoo heerri mootummaa naannooleef kenne kan cabsuudha jedheera.
Roodmaappiin barnootaa ministeera barnootaatiin qophaa'e, kutaaleen hawwaasaa gara garaa gaaffii akka kaasan taasiseera kan jedhu ibsi kun, siyaasni biyya keenyaa hammaarraa gara hammaatutti deemuun humnoonni carraa kanatti fayyadamuun abjuusaanii dhugoomsuuf barbaadan waltumsaa jiru jedha.
Roodmaappiin barnootaa bara darbe mariidhaaf dhiyaate ture kun, ogeessotaan kan qoratamedha jechuun qofa, wantota keessatti hammatamaniifi yaadawwan beektotaa fudhachuun sirreeffamuu isaarratti deebii gahaa osoo hin kenniin, akkasumaan callisanii gara hojiitti jijjiiraa jiru jedha, ibsi Biiroo Barnootaa naannoo Tigiraay kun.
Waanti nama ajaa'ibu garuu dhimmoota imaammata barnootaa waan hedduu kan tutuquu ta'ee osoo jiru, anga'oonni siyaasaa olaanoon biyyatti osoo irratti hin mariyatiin ykn qaamooleen jijjirama taasifameerratti murtoo dabarsan osoo irratti hin mariyatiiniifi yaada irratti hin kenniin hojiirraa ooluu eegaluu isaati siirrii miti.
"Kun ammoo sirrii kan hin taaneefi fudhatama kan hin qabnedha. Yaadni akkasii kunis fedhii waan hunda ofiin dhuunfachuu kan mullisudha."
Ibsi Biiroo Barnootaa Tigiraay kun amma yoonatti wixinee Roodmaapichaarratti mariin ture dhimmi afaaniifi gulaantaawwan barnootaarratti waliigateen guutuun akka hin jirree ta'uu osoo beekamuu, hojiitti hiikuuf fiiguun fudhatama waan hin qabneef, qaamoleen hundi mormuu qabaa jedha.
Gulaantaan barnoota 6, 2 ,4 ta'aa jedhanii labsuu dura gaaffilee barbaachisoodha jedhamaniif maaliif deebii quubsaan hin kennine? jechuun gaafata ibsi kun.
"Sirna barnoota sadarkaa 1ffaa yeroo ammaa hojiirra jiru suuta suutaan dhabamsiisaa barnooota sirna tokkoon irraa gaditti to'atamutti jijjiruuf ta'uun ifaadha."
"Afaan barnoota sadarkaa tokkooffaa, jechuunis kan kutaa1-8 afaan abbaan kan baratamu ta'ee osoo jiruu qorumsa kutaa 8ffaa kan biyyaaleessaa gochuu maaltu fide?"
Qabatamaan caaseffamni qormaataa humna isaanii ol ta'uu hanaga yoonatti qorumsa biyyaalessaa isaan bulchaa turan mullateera jedha.
Dhimmi biraan ibsi Biiroo Barnootaa Tigiraay kun kaase waa'ee gulantaa barnoota sadarkaa 2fffaafi giddugaleessaa jechuun Roodmaapichi caasessedha.
"Kanaan gargaaramuudhaan aangoo heerrri mootummaa naannooleef kenne barnoota sadarkaa 1ffaa bulchuu harkaa butuudhaaf fiiguusaaniti."
Dhimmi fudhatama hinqabne kan biraanimmoo, yaada afaan Amaaraa kutaa tokkorraa eegalee baratamuu qaba jedhudha.
Akkuma beektan afaan Amaaraafi afaan Tigiree walirraa jechootahedduu ergifata. Daa'ima ganna 7 kana barsiisuuf yaaluun burjajeessuufi afaan isaanii akka hin beekne gochuudha jedha ibsichi.
Ammaa adeemsi jiru afaan Amaaraa kutaa 3 irraa kan eegalu yommuu ta'u, gara fuula duraa garuu ga'uumsi isaanii sakkata'amee kutaa 7 akka eegalan taasifamuu qaba yaada jedhus kaa'eera ibsi Biiroo Barnoota Tigiraay.
"Kanaafuu, afaan Amaaraa kutaa tokkoorraa eegaluufi qorumsa kutaa 8ffaa kan biyyaleessaa gochuu akka hin fudhanneefi naannoo keenyatti akka hojiirra hin oolchine isin beeksifna."
Karaa biraan ministeerri barnootaa afaan sadaffaan marsaa jalqabaarratti akka kennamuufi qormaanni kutaa 8ffaa biyyaalessa akka ta'u ibsus, Dura Ta'aan Biiroon Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo ammoo ijoolleen kutaa jalqabarraa kaasanii afaan dhalootaafi afaan Ingiliziin baratu jedhan.
''Gama Afaanii wanti jijjiirame hin jiru. Gosa barnoota hundaanuu kutaa 1 - 8 bararattoonni Afaan Oromoon baratu.''
Dhimma barnoota Afaan Amaaraan walqabatee barattoonni daa'ima waan ta'anif kutaa tokkoffaa irraa eegalee barnoota afaanii sadii barachuu waan hin dandeenyeef, akkuma durii haguma ol adeeman boodarra Afaan Amaaraa akka baratan yaadamuu isaa Dr Tolaan BBC'tti himaniiru.

Turtii BBC waliin taasisaniin Ministirri Di'eetaa Ministeera Barnootaa Dr Garramuu Hulluuqaa dhimmoota falmisiisoo ta'an akka afaanii irratti wanti murtaa'e hin jiru jedhan.
akka Dr Garramuun jedhanitti dokimantii qophaa'e irratti 'afaan ykn afaanotni hojii federaalaa kutaa sadiitti jalqaba jedhamee kaa'ameera. Garuummoo, dhimmi kun aangoo naannoofi federaala gidduu jiru irrattu gaaffii kaasa jedhu.''Barnoota kutaa 1 - 8 afaan barnootaa kan murteeffatu naannoodha waan ta'ef inni kuni wanta ilaalamuu qabudha, ministeerri barnootaa irratti hojjetaa jira,'' jedhan.













