Itoophiyaan qooda Itiyoo-telekom dhibbeentaa 49 gurguruuf

Dr Iyyoob Takkaaliny

Mootummaan qooda Itiyoo-telekom dhibbeentaa 49 gurguruuf murteessuu Ministirrii Maallaaqaa biyyattii beeksise.

Ibsa Di'eetaan Ministira Maallaqaa Dr Iyyoob Takkaaliny har'a kennanin, dhaabbileen telekoomii lama kurmaana tokkoffaa bara 2020ti hojii ni eegalu jedhan.

Filannoon dhaabbilee ykn abbootii qabeenyaa osoo hin adeemsifamin duras dhaabbileen fedhii qaban fedhii isaanii erga dhiyeessanii booda gamaggamni teeknikaa taasifamuun booda caalbaasin akka gaggeeffamu Dr Iyyoob himan.

Qulqullinni tajaajilaa fi carraa hojii uumuun ulaagaalee dhaabbileen kunneen ittin filataman keessatti akka argamanis himameera.

Itiyoo telekom dhaabbata tokko ta'ee itti fufa kan jedhan Dr Iyyoob damee tajaajilaa fi bu'uraalee misoomaa jedhamun lama akka qabaatu ni taasifama jedhan.

Bittaa warshaalee sukkaaraan walqabatees dhaabbileen garaagaraa fedhii agarsiisaa akka jiran Dr Iyyoob kan himan.

Hanga ammaattis dhaabbileen biyya Keeniyaa, biyyoota Kaaba Afriikaa fi baha giddu galeessaa fedhii agarsiisanii jiru jedhameera.

Yeroo ji'a jaha fi waggaa tokko gidduu jiru keessattis warshaaleen sukkaaraa shanii hanga jahaa ta'an abbootii qabeenya dhuunfaatti akka gurguraman himameera.

Hojii gurgurtaa dhaabbilee kanaafis Baankiin addunyaa deeggarsa gochaa akka jiru himaniiru.