Alabaamaatti dubartii ulfi rasaasaan dhahamte, du'a daa'ima hin dhalanneen himatamte

Madda suuraa, Reuters
Alabaamaa keessatti dubartiin ulfaa ganna 27 du'a daa'ima hin dhalanneen himatamtee to'annoo jala oolte.
Maarshee Joons dubartii Iboonii Jeemisan jedhamtu biraa tokko waliin wal dhabdee rasaasaan garaa irra dhahamte.
Wal dhabdee kanaaf ka'umsa taateetti jedhamtee himatamuun Roobii darbe to'annoo jala oolte akka miidiyaan biyyattii jedhutti.
Dubartii rasaasa dhukaaste irratti himati banamee ture haqameera.
Akka poolisiin jedhutti waldhabdeen dubartoota lamaanii kan uumame abbaa daa'ima hin dhalatiinii waliin wal qabateeti.
Ibooniin Maarshee rasaasaan garaa irra dhahuun ulfi garaa keessa ture akka ajjeefamu taasifteetti.
Himati jalqabaa dubartii rasaasa dhukaafte irratti banamee ture, ragaan mirkanaa'uu dhabuun haqame.
Boodarra dubartiin ulfaa daa'imni garaa keessatti ajjeefame wal-dhabdee kanaaf ka'umsa waan taateef daa'ima ishee gara keessatti ajjeesuun himatamuu poolisiin beeksiseera.
Dubartiin rasaasa dhukaafte lubbuu ofii baraaruuf dirqamteeti kan dhukaafte jedha poolisiin.
"Waldhabdee uumame kanaan kan miidhame daa'ima hin dhalanne garaa keessa jirudha. Waldhabdee kana uumuun daa'imni kun akka ajjeefamu kan goote ammoo haadha" jechuun qondaalli poolisii Daanii Reed himaniiru.
Kanaaf daa'ima ishee ajjeesuun himatamtee erga to'annoo jala ooltee booda mirga wabiin gadi dhiifamtee jirti.
Dubartii rasaasa itti dhukaafte dabalatee gareeleen mirga namoomaaf falman himannaan kun sirrii miti jechaa jiru.
Warreen mirga namoomaaf falman seera cimaa ulfa baasuu dhorku biyyattiin qabduun wal qabsiisanii falmu.
Kana booda dubartoonni rakkoo adda addaa wayita ulfa ta'an isaanirra gahuun yoo ulfi irraa bahe of eeggannoo gochuu dhabuun daa'ima ofii ajjeesan jedhamanii himatamu jechuunis mormu.
Abbaan Alangaa garuu dubartiin kun seera ulfa baasuu dhorkuun miti kan himataman jedhan.














