Mana keessanitti wantoota qulqulluu ta'uu qaban beektu?

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni mana keessatti "xurii" qulqulleessuurra,tatamsa'iina lubbu qabeeyyii ijaan hin mul'anne dhibee fiduu danda'an akkamitti to'achuu akka danda'an irratti xiyyeeffachuu qabu jedha gabaasni Royal Society for Publich Health' baase.
Harka, uffata fi wantoota itti fayyadamnu yeroodhaan dhiquun qulqullinna keenyaaf murteessaadha. Ta'uus garuu,namoota afur keessa namni tokko wanni kun barbaachisaadha jedhee hin amanu.
Haalan qulqullinna keenya eeggachuun carraa dhukkuboota daddarboof saaxilamuu fi dandamachuu qorichoota farra baakteeriyaa ni hir'isa.
Wanni hamma"qulqulluu" ta'uu hin jiru.
Namoonni baay'een garaagarummaa xurii, jarmii, qulqulluu ta'uu fi qulqullinna ofii eeggachuu hin hubatan jedha gabaasichi.
Qorannichi namoota 2,000 irratti qo'atame yoo ta'u, isaan keessa harki 23 ijoolleen dandeettii qaamni dhukkuba ofirra ittisu dabaluuf jecha jarmoota dhukkuba fidaniif saaxilamuu qabu jedhanii yaadu..
Garuu qorattoonni qorannicha geggeessan "kun ilaalcha rakkoo fidudha" jedhaniiru. Kunis dhukkuboota birootiif carraa saaxilamuu dabaluu danda'a.
Wantoonni qulqullina barbaadan maal fa'a?
- nyaata qopheessuufi ol kaa'u
- qubaan nyaachuu
- mana fincaanii booda
- yeroo namoonni qufa'aan fi axxifatan
- meeshaalee mana keessaa fi uffaata "xurii" ta'an miiccuu
- saree kunuunsuu
- kosii yeroo gatan
- miseensa maatii dhukkubsate kunuunsuu

Madda suuraa, Getty Images
Kutaa nyaanni itti qophaa'uu fi meeshaalee itti fayyadamnu qulqulleessuun, keessatiyyuu erga foon dheedhii yookiin foon lukkuu murre booda barbaachisaadha.
Lafti fi meeshaalee mana keessa akka barcumaa fi soofaa fa'a xurii ta'uu danda'u ta'us garuu maayikiroorgaaniizimoota dhibee fiduu danda'an baay'ee hin qaban.
Qulqulleessun akkamitti baakteeriyaa balleessuu danda'a?
Meeshaalee adda addaa itti fayyadamnu bishaan ho'aa, saamunaan dhiqnee akka goguuf yeroo kenninuu baakteeriyaa balleessa.

Madda suuraa, Getty Images
Ogeeyyiin maal jedhu?
Piroofeesar Saaliiy Biloomfiild akka jedhanitti, namoonni garaagarummaa qulqullina eeggachuu fi qulqulleessu beekuu qabu.
"Qulqulleessuu jechuun xurii fi lubbu qabeeyyii ijaan hin mul'anne balleessuu yoo ta'u, qulqullina eeggachuun immoo sa'aatii fi bakka barbaachisutti qulqulleessuun wantoota dhibee fiduu danda'an balleessuudha, Fakkeenyaaf, erga nyaata bilcheessine booda, mana fincaanii booda, nama dhukkubsate kunuunsuun booda harka dhiqachuu jechuudha".
Pirofeesar Lizaa Akeerliy gama isaaniitiin akkas jedhaniiru, "alaa bahanii hiriyaa fi maatii waliin taphachuun carraa nuti 'baakteeriyaa gaariif' saaxilamnuu fi baakteeriyaa fayyaa qabeessa qaama keenya keessatti argamu jabeessuuf fayyada. Kun garuu ilaalcha namoonni qulqullina ofii eeggachuu qaban irratti danqaa ta'uu hin qabu jedhu."















