Dhabbanni Sochii Biyyaalessaa Amaaraa miseensoonni kiyya 100 ol hidhaman jedhe

Madda suuraa, NAMA
Dhabbanni Sochii Biyyaalessaa Amaaraa erga guyyaa Sanbataa as Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa qofatti miseensoonni kiyya 100 ol ta'an hidhamaniiru jechuun BBC'tti hime.
Kanneen hidhaman keessaa dubbis himaan paartichaa Obbo Kiristiyaan Taaddelee isaan tokko.
Obbo Kiristiyaan Naannoo Amaaraa Aanaa Sakalaa jedhamutti Jimaata to'annoo jala ooluu paartichi beeksiseera.
Obbo Kiristiyaan dabalatee miseensonni paartichaa sadi rakkoo tibbanaa waliin wal qabatee akka sakatta'aman gaafatamanii waan didaniif hidhamuu bulchiinsi aanaa Sakalaa himeera.
Dubbii himaan dhaabichaa, Kiristiyaan Taaddelee osoo to'annoo jala hin ooliin dura ''miseensonni fi aanga'oonni keenya bakkeewwan garaa garaatti nu jalaa hidhamaa jiru jechuun BBC'tti himanii ture.
"Haalli jiru hidhaa jumlaati fakkaata'' kan jedhu Obbo Kiristiyaan, ''miseensotaa fi aanga'oota dhaabbichaa qofas osoo hintanee namoonni fi jiraattoonni hubannoo siyaasaa olaanaa qaban hidhamaa jiru,'' jechuun ibsa.
Miseensonni gare 56 ta'aniifi miseensonni hoggansa aanaa fi kutaa magaalaa Finfinneetti qofa to'atamuu kan himan obbo Kiristiyaan, Wallaggattis kanneen 50 tahan hidhamuusaanii himeera.
Akkasumas Jimmatti torba, Adaamaatti tokko, Walnciitii fi Sulultaatti kanneen 25 ta'an hidhamaniiru jechuun ragaa hanga kaleessa galgalaatti walitti qabannee jechuun himeera.
Lakkoofsi kun dabaluu danda'a kan jedhu obbo Kiristiyaan, qindeessaan waajjira dhaabbichaa damee Adaamaa mana murtiitti dhiyaachusaa fi himannaan '' walitti bu'iinsa Minjaar Arartiitti ture maallaqaan deeggarte jirta'' kan jedhu tahuu ibseera.
Miseensi waajira dhaabbichaa Finfinneetti buufata poolisii lafa 'sostanyaa' jedhamuutti hidhamee argamuu haala ajjeechaa tibbana raawwate waliin walqabatee jedhamee hidhamu himeera.
Waliigalattis miseensonni dhaabbatichaa bakkeewwan garaa garaatti hidhmananis 'nageenyaaf tasgabbiif yaaddoodha jechuun deebiin kennamuufiisaa Obbo Kiristiyaan ibsaniiru.
Wallagatti kanneen miseensa dhaabbatichaa hintaane, Dirree Dawaatti ammoo miseensoota deeggartoonni illeen to'annoo jala oolfamusaanii kan himan Obbo Kiristiyaan, bakka hidhamtoota kaaniin adda ta'etti hidhamuusaanii dhageenyeerra. Kunis yaaddoo keessa nu galcheera jedhaniiru.
''Haala bu'uraatiin seera cabsuun yoo jiraate, yakka kamiifuu dhaabbatichi dahoo ta'u hinbarbaadu'' kan jedhan Obbo Kiristiyaan, miseensonnii fi deeggartoonni keenya sababii maaliif akka hidhaman osoo hin himiin nageenyaafi tasgabbiif yaadhodha'' jechuun hidhuun yakka tokko. ''Gama biraatiin haala siyaasa biyyattiif kan waltajjii dhiphisuu fi keessattuu ijaaraamuun Amaaraa kan isaan hingammachiisiin ta'u kan mul'isudha'' jedhaniiru.
Miseensa isaanii tokko malees, kanneen hindhaman irratti himannaan baname omtu hinjiru kan jedhan Obbo Kiristiyaan, seeraan ala miseensoota keenya hidhuun kunis gocha naasiisuutu raawwatamaa jira jechuun himata.
Ibsa gareen Walo Humna Nageentyaa fi Haqaa kaleessa baaseen qaamooleen gocha magaalaa Baahirdaarii fi Finfinnee waliin hidhata qaban to'annoo jala oolaa jiraachusaanii beeksiseera.














