Ministira Muummee Abiy: 'Haleellaan nurra gahe salphaatti kan ilaalamu miti'

Ministira Muummee Abiyi fi Janaraal Saa'iree Mekonniin

Madda suuraa, Pm office

Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad halleellaan Itaamaajoor shumii waraana Itoophiyaa Janaraal Sa'aara Mekonninin irratti raawwatame ''fonqolcho mootummaa'' naannoo Amaaraatti raawwateen waqabate ta'u Ibsa halkan qixeetti sabaa himaa biyyaalesssaa EBC'n darberratti dubbatan.

MM uffata danbii Waraana Itoophiyaa uffachuun haasaa taasisaniin yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraatti yaalameen qondaalloonni motummaa magaalaa guddoo naannoo Amaaraa, Baahir Daariitti, gariin ajjeefamuu fi miidhaan irra qaqqabu himaniiru.

''Angawoonni olaanoo Naannoo Amaaraa dhimma hojii wajjiin walqabatee walgahiirra osoo jiranii obbolootuma isaaniin rasaasaaan akka rukutamaniifii gariin ajjeefamanii gariin, miidhaan irra gaheera '' jedhan MM Abiy.

Gocha naannichatti raawwatame kana balaaleffatan MM muummee Abiy, ''wanta naannoo Amaraatti raawwate to'achuuf miira itti gaafatamuummaa guddaan duula waraana Itoophiyaan gaggeefamaa ture kan dursaa turan Itaamaajoor shuumii waaraanichaarratti haleellaan raawatameera'' jedhaniiru.

''Namoota itti dhiyaataniifi bitamaniin galagala kana kana itaamajoorshuumii keenyaa jaalannu, kan kabajnuu irratti haleellaan raawwateera.''

MM Abbiyis ta'e aangawaan kamuu ajjeefamuu aangawaa waraanaa kana ifatti himuu baataniis, miidiyaleen garaagaraa du'uu akka hin oolle gabaasaa jiru.

''Yaaliiwwan waggaa 30 fi 40 dura yaalamee hin milkoofne, gara fuula duraattis hin milkoofne gareeleen tarkaanfachiisan muurasa ta'aniis, miidhaan nurraan gahan, haleellaan nurraan gahan salphaatti kan ilaalamu miti.''

Yalliin fonqolochaa Naannoo Amaaraa kan hin kanfashalaa'e ta'uu fi kanneen yaalii kana duuba jiran gariin qabamanii kaaniis barbaadamaa akka jiran himaniiru.

Inatarneetiin biyyatiitti adda cituulleen gabaasaaleen mullisaniiru.

Jiraatoonni magaalaa Baahir Daar ammoo dhukaasa qawwee dhagaa turuu himaniiru.

Waajjiirri dhimma alaa Ameerikaa gama isaatiin Magaalaa Finfinnee keessatti dhukaasni qawwee jiraachuu ilaalchisee gabaasawwan jiran quba qabaachu himeera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Dr Abiy bara darbe gar aangootti kan dhufan yoo ta'u, dhiibbaa siyaasaa Itoophiyaa keesa ture hirrissuudhaaf hidhamtoota gadhiisuun, qoqophaa paartiilee siyaasaarra ture kaasuu fi qondaaltoota sabama mirgoota namoomaatiin himataman irratti himannaa banaa turee jira.

Haa ta'u malee walitti bu'iinsa sabummaa umamuun lammiilee miliyoona 2'4 ol ta'an qee'esaanii irraa buqqa'aniiru, akka UN jedhaniitti.

Maaltu uumame

Dr Abiy Jeneraal Sa'aara Mokonninin qaamoolee hidhataniin haleelaan irratti raawwatamu ibsaniiru.

Haalicha ilaalchisee ibsa gadi fageenya qabu kan kennee hinjiru.

Akkasumas qondaaloonni muraasni naannoo Amahaaraati wayita hirriyoota isaanitiin 'haleellaan irratti raawwatameetti' walgahii irra turan.

Dubbii himaan waajjira MM Obbo Nugusu Xilaahun ibsa dhimmicha ilaalchisuun TV biyyaaleessaatiif kennaniin, Ambaachoo Mekonnin pirezidaantii naannoo AMhaaraa irratti forqolchi gaggeefamee fashalaa'ee jedhee ture.

Yaaliicha warra raawwatan to'annoo jala olchuuf sochii taasifamaa jiraachu himeera.

map

Ibsichaanis paartiin naannicha bulchu shumii nageenyaa duraanii kan erga Abiy aangootti dhufeen booda hidhaatii bahee jeequmsicha duuba akka jiru himeera.

Barsiisaan tokkoo Baahir Daarii Rooyitarsiitti akka himeetti, dhukaasni qawwee magaalattii keessatti gaggeefame yoo xinnaate sa'aatii afuriif ture. ''Jalqaba taateedhu barame wayi ta'a jedhee yaadeen ture, booda garuu sagalee rasaasaa gurguddaas dhagahu jalqabne,'' jedheera.

Taateewwan Dilbataaf karoorfamanii turan hundi haqamuus TVn motumaa beeksiseera.