Getaachoo Asaffaafi hojjettoonni tikaa 26 himataman

Geetaachoo Asaffaa

Madda suuraa, Getty Images

Itti-gaafatamaan Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa duraanii Obbo Geetaachoo Asaffaa dabalatee, hojjettootaa fi itti gaafatamtoota dhaabbattichaa biroo 26 irratti himata banuusaa Abbaan Alangaa Federaalaa beeksise.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa sarbama mirga namoomaa olaanaan qorannoo yakkaa gaggeessaa turuusaa ibsa ganama kana baaseen beeksiseera.

Qorannoon kunis qorattoota yakkaa Poolisii Fedeeraalaa, itti-gaafatamtoota manneen hidhaa, akkasumas hojjettoota Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa Biyyoleessaa irratti kan xiyyeeffate ture jedheera.

Haaluma kanaanis hojjettootaa fi itti gaafatamtoota dhaabbattichaa 26 irratti, galmee 46'n himanni banameera jedheera.

Jara himataman kanneen keessaa 22 wayita ammaa hidhaa keessa jiru.

Obbo Getaachoo Asaffaa dabalatee, Atsibihaa Giday, Asaffaa Balaay fi Shishaay Li'uul namoonni jedhaman ammoo iddoo hin jirretti himanni irratti banama jedha ibsichi.

Obbo Getaachoo Asaffaa irratti himanni baname aangoosaanii karaa seeraan alaan gargaaramuu fi yakka malaammaltummaa olaanaa raawwachuu kan jedhudha.

Amma dura Abbaan Alangaa Federaalaa Biraanuu Tsaggaayee ''Obbo Getaachoon Naannoo Tigaayitti akka dhokatanii jiran ragaa qabna" jedhanii turan.

"Naannichi dabarsee akka nuuf keennu gaaffannuus fedhii osoo hin agarsiisiin hafeera,'' jechuun isaanii ni yaadatama.