Piriimer Liigiin baranaa hedduu deggertoota qalbii rarraasaa jira

Madda suuraa, BBC Sport
Piriimer Liigiin Ingiliiz bara kanaa kan tokkoffaadhaaf akkasumas tokkoo hanga afurii warra jiran keessa galuudhaaf morkiin taasifamu hedduu deggertoota qalbii rarraaseera.
Yeroo taphni tokko hafaa jirutti kilaba kamti akka waancaa fudhatu baruun hin dand'amane. Piriimer Liigiin Ingiliizii kan hawwataa taasisus kana jedhu deggertoonniifi leenjistoonni.
Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa Piriimer Liigiin Ingiliiz "liigii dorgomuudhaaf hundaa ol cimaa ta'edha" jedha.
Gareen isaa Liiverpuul waliin waancaa Liigichaa harka galfachuudhaaf kokkeetti walqabaa jiru.
Gaardiyoolaanliigota baayyee kan akka Ispeeniifi Jarman keesatti leenjisaa ta'uun mo'ataniiru.
Ammas gareen isaa Siitiin Wixata dhufu Leester waliin Dilbata ammoo Biraayiten waliin taphachuun yoo mo'ate Piriimer Liigiin Ingiliiz yeroo lamaffaatiif mo'ata Gaardiyoolaan.
"Ciminiaafi tapha bareedaa morkattoonni keenya taphatan yeroo ilaallu, shakkii tokko malee taphoonni nu fuuldura jiran baayyee cimoo ta'u," jedhe.

Madda suuraa, BBC Sport
"Kanaafidha tokkoffaa ta'anii xumuruun kan ajaa'iba namatti ta'u."
Maanchester Siitiifi Liiverpuul waancaa mo'achuudhaaf wal sarduutti jiru. Gareen lamaanuu qabxii guddaa walitti qabachuudhaan Maanchester Yunaayitin kan si'a 13 waancaa fudhate caalaa caalanii argamu.
Arsenaal ammoo carraa afraffaa ta'ee xumuruu kan of harkaa baase kaleessa Biraayiten waliin qabxii walqixaan erga xumuree bareera.
Leenjisaan garee Arsenaal Unaa'ii Emirii carraa afraffaan xumuruu dhabuu erga baraniin booda, Yurooppaa Liigiirratti xiyyeeffachuu qofa jedhe.
Bara dhufu Shaampiyoonii Awurooppaa keessa taphachuudhaaf carraan hafte Yurooppaa Liigii mo'achuun yoo milkeessan qofaadha.
Garuu Yurooppaa Liigii mirkaneeffatuu laata?
"Baayyee akka cimaa ta'u ni beekna garuu amma xiyyeeffannaan keenya Yurooppaa Liigiirratti qofa ta'a," jedhe Emiriin.
"Yurooppaa Liigii keessatti waan tokko hojjechuudhaaf carraa ni qabna waan ta'eef isa hojjechuudhaaf ni yaalla."
Sadarkaan sadaffaafi afraffaa amma Chelsii ykn Tootinhaam harka galteetti.
Qabxii amma jiruun Chelsiin 71, Tootinhaam ammoo 70 qabatanii duraafi duubaan sadaffaafi afraffaa qabataniiru. Tapha dhumaa hafteen tarii waanti jijjiiramu yoo jiraatee sadarkaa wal jijjiiruu qofa ta'a.
Amma rakkoo qabxii keessa kan gale Maanchester Yunaayitididha. TRaphoota shanan darban keessaa tokkollee osoo hin mo'iin sadarkaa ja'affaarra taa'uuf dirqamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaan dhumaa Piriimer Liigii Ingiliizii kan bara kanaa Dilbata gaafa Caamsaa 12 ta'a. Arsenaal Barnilee waliin taphata. Garuu yoo mo'atanis akka carraa Tootinhaam mo'ameef goolii sadetti argachuun cimaa waan ta'eef jijjiiramni hedduu hin eegamu.
Isa dura garuu Arsenaal Yurooppaa Liigiitiif Vaalenshiyaa waliin Kamisa taphatu.















