Tiraampi hoogganaa tiwiitarii waliin maal mari'atan?

Madda suuraa, AFP/Getty/EPA
Pirezidaantiin US Doonaaldi Tiraampi hundeessaa fi hoogganaan tuwiitarii Jack Dorsey waliin waajjira isaanii White House'tti walarguun waa'ee miidiyaa hawaasummaa mari'atan.
Tuwiitariin ibsa baaseen qondaaltonni lameen,utuu filannoon bara 2020 hin ga'in dura, waliin haasa'uun hawaasaa ilaa fi ilaameedhaan akka ta'uu qaburratti waliin dubbataniiru.
Yeroo baayyee miidiyaa hawaasummaa keessaa tuwiitarii fayyadamuun kan beekaman Aabba Tiraampi tuwiitariin na moggeesse jechuun komachaa turan.
Erga hoogganaa tuwiitarii waliin waajjira isaaniitti wal arganii garuu hariiroo dansaa akka uumanii fi wal ga'iin isaaniis mishaa akka ture tuwiitarii isaaniirratti barreessaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Aabba Dorsey deebii karaa tuwiitarii Aabba Tiraampiif deebisaniin galatoomi jedhaniin.
Walga'iin kun kan geggeeffame Pirezidaanti Tiraampi tuwiitarii isaaniirratti ''tuwiitariin ilaalcha siyaasaatiin nama qooda'' jedhanii erga barreessanii booda.
''Tuwiitariin akka nama Rippaabilikaanii tokkootti mirga kiyya naaf eegaa hin jiru, lakkoofsa hordoftoota kiyyaas akka murtaa'u taasiseera,tuwiitariin tapha siyaasaa akkasii keessaa ba'uu qaba'' jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Tiwiitariin gamasaatiin komii irratti ka'u amanee hin fudhanne, namni tuwiitarii fayyadamuudhaan beekamanii fi hordoftoota miiliyoona 60 qaban ,Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi garuu ammallee komiisaanii itti fufaniiru.
Pirezidaantiin Ameerkaa Doonaaldi Tiraampi tuwiitaratti fayyadamuun gaazexeessitoota, namoota siyaasaa fi lammiilee biyya alaa qeeqaa turan.













