Hidhattoonni Al Shaabaab haalleellaa Somaaliyaatti taasisaniin Ministira ajjeesan

Madda suuraa, Reuters
Haleellaa hidhattoonni al Shaabaab magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti waajjira mootummaa irratti raawwataniin namoonni 11 ajjeefaman.
Akka qondaaltoonni motummaa himanittis, Ittaanaa Ministira Hojjataa Saaqaar Ibraahiam Abdalaa fi polisoonni baayyeen kanneen ajjeefaman keessatti argamu.
Milishoonni kunneenis jalqaba boombii konkolaata erga hidhaniin booda gara waajjira minisitirichaatti galuun halleelicha raawwatan.
Al-Shaabaab erga bara 2011tti akka magaalattii gadhiisee bahuuf dirqisiifameen booda magaalattii keessatti haleellaa itti cimseera.
Riphee loltoonni shan haleellaa kana keessatti qooda fudhachuu isaaniis barameera. Qondaaltoonni motummaas shananuu ajjeefamuun naannichi to'atamu himaniiru.
Waraana Al Shaabaab irratti gaggeefamu
Erga Piresidaanti Tiraamp gara aangootti dhufeen as Ameerikaan haleellaa qilleensa irraa garee Al qaa'iidaa waliin hidhata qabu kana irratti cimsiteeti.

Qondaaltoonnis haleellaa qilleensaan irratti gaggeefamuuf haaloo bahiinsaaf jecha Al shaabaab miidhaa isaa Moqaadisho irratti cimsee jechaa jiru.
Kutaan Qajeelcha Ameeriikaa ammoo, Al shaabaab iddoowwan biyyattii hedduu keessatti to'annoo isaa babalifachaa waan jiruuf, qaamoolee dhoohiinsa boombii gaggeessan, meeshaalee dhohan, mortaarootaa fi meeshaalee waraanaa xixiqqaatti fayyadamuun halleellaa olaanaa qaqabsiisuuf dandeetti qaba jedheera.














