Kumbaah Meelaa: Feestivaala namoota irratti hirmaataniin addunyaarraa hangafa ta'e

Qulqulloota Hinduu Saangihaam keessatti

Madda suuraa, Ankit Srinivas

Festivaala Kumbaah Meelaa jedhamu kanarratti namootni miiliyoonotaan lakkaawwaman gara galaanota qulqullaa'oo Gaanjeesiifi Yamuunaa jedhamanitti galuun kabajama.

Guyyaa jalqabaa feestivaala kanaarratti yoo xiqqaate namoonni miiliyoona 15 ni argamu jedhamee eegama.

Guyyoota feestivaalichi itti kabajamaa oolu 49 keessatti ammoo namoonni miiliyoona 120 argamuu malu jechuun angawoonni tilmaamaniiru.

Warrii Hinduu galaanota kunneen keessa of cuuphuun ''cubbuurraa nu qulleessa, fayyina nuu keennas'' jedhanii amanu.

Namoonni qulqulloota jedhaman dursanii sirna kanaaf qarqaqra galaanotaatti argamu, ofiis dursanii cuuphu.

Qulqulloota Hinduu Saangihaam keessatti

Madda suuraa, Ankit Srinivas

Bara kana ayyaaneffaannaan isaa dinqii akka ta'u kan abdatamuuf mootummaan 'Hindu nationalist' filannoo biyyoolessaa dhufaa jirurratti xiyyeeffachuun saganticha qopheessuu isaati jedhameera.

Suurrii ministira muummee Naarendiraa Moodii bakka hedduutti maxxanfamee mul'ata.

Namoota qarqara galaanaa naannoo Alahabaaditti

Madda suuraa, Ankit Srinivas

Festivaala kanaaf jecha buufataaleen boqonnaa itti fudhatan 4, 200 ol, manneen qulqulinaa(manneen fincaanii) 120,000 fi poolisiiwwan 30,000 ta'an qophaa'aniiru. baaburrii haaraan dhibbaan lakkaawamaniis imaltootaaf kophaa'aniiru.

Bakka namni itti boqotu

Madda suuraa, Ankit Srinivas

Dubartoota sirna cubbuurraa qulqullaa'uutti jiran

Madda suuraa, Ankit Srinivas

Sirna bakka kanatti gaggeefamuun dabalataan qophiiwwan bashannanaa heddun ni gaggeefamu. Namootni baayyeen garuu ''waamicha harmee Gaanjesiif deebii keenuuf'' dhufnee jedhu.

Qotee bulaan sirna kanarratti argme tokko ''asitti argmuun keenya cubbuu keenyarraa nu qulqulleessa''

Kumbaah Miilaa bara 2019