Masriin meeshaa hambaa UKn fudhatame deebifatte

Madda suuraa, Egypt Ministry of Antiquities
Meeshaan hambaa durii Masrii seeraan ala biyyaa fudhatame Landan galma agarsiisa gurgurtaaf baafametti argamee biyyatti deebifameera jedhan qondaaloti.
Miiyichi marsariitii agarsiisa gurgurtaa taasisan irratti barbaacha taasifameen argamu danda'e jedha Ministirri Hambaa Masrii.
Tarkaanfii akka hin gurguramnefi tarree gurgurtaa keessaa akka bahu taasifamuu ministirichi fuula feesbuukii irratti barreesseera.
Meeshaan hambaa durii kun yoom akka fudhatame waanti beekame hin jiru, miini barreefama heerogiloofiksii mooticha Amenhoteep 1ffaa ture kana dura akka fudhatame ministirichi ibseera.
Ministeerichi, haajaa alaa Masriifi qondaaltota Biriitish waliin tahuun Fulbaana darbe miiya barreefamaa sana akka deebisiise himeera.

Madda suuraa, Egypt Ministry of Antiquities
Masriin meeshaleen hambaashee jala akka seeraan ala biyyaa hin baafamneef tattaaffi guddaa gochaa jirti.
Biyyattiin yoo meeshaa seeraan ala fudhatan yoo deebisan malee, godambaalee hambaalee Masrii marsariiti isaanii irratti agarsiisan akka hin tumsine akeekkachiiftetti
Dhakaan booree adiin bara 1872 Iskootilanditti fudhatame yeroo jalqabaaf agarsiisa ummataaf dhiyaata.















